Gocha Jimmaa, aanaa Geeraatti qonnaan bultootarratti raawwatetti qaanofneerra bulchaa aanaa Geeraa

0
455

Viidiyoon uummata walgahii taa’an gidduutti namoota jaha harka isaanii miilla jala dabarsanii akka gurra isaanii qabatan gochuun, duubaan yeroo reebamaafi arrabsaman mul’atu tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta’eera.

Vidiyoon ‘sarbama mirga namoomaa’ agarsiisu kun Godina Jimmaa aanaa Geeraa Ganda Baadiyyaa Borcoo Deekkaatti kan raawwatame ta’uu Addis Maaladaan’n mirkaneeffateetti.

Namoonni reebaman kunneen balleessaan isaanii maal akka ta’e beekamuu baatus, uummata walga’iif bahe fuulduratti akkasitti reebamuufi hiraarfamuun namoota hedduu dheekkamsiiseera.

Bulchaan aanaa Geeraa Hawwii Se’id dhimma kana ilaalchisuun akka dubbatanitti, gochi aadaa fi safuu uummataa cabsee fi sarbama mirga namoomaa ofkeessaa qabu kun qondaalota aanichaatin kan raawwatame ta’uu himan.

Gochi kun gaafa Adoolessa 08, 2015. A.L.I kan raawwatamee akka ta’e kan himan Obbo Hawwiin, taatee kanaaf ka’umsa kan ta’e komii namoota muraasaa fi caasaa gandaa gidduu tureen akka ta’e himu.

“Komii namoota muraasaa fi caasaa gandaa gidduu jiru ilaaluuf koree olaanaa aanaa garasitti ergine. Itti-gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa fi Ittigaafatamaa Ijaarsa Paartii keenyaatu gandicha dhaqe,” jedhan.

Koreen aanaadhaa deeme namoota komatetu rakkoo qaba kan jedhu adda baasan. Kana hawaasatu jedhe jedhu Obbo Hawwiin.

Rakkoon jiru erga adda bahee fi badiin kan namoota komatanii ta’uun erga beekameen booda, dhibdeen kan dhalate namootni dhiifama akka gaafatan taasisuuf yaalii godhameen akka ta’es himu.

Namootni gochaan hiraarsuu fi arrabsoo irratti raawwatame kunneen namoota jaha.

Namootni kunneen viidiyoo qoodame sanarratti “Nagaheen naaf hin kennamne jedhee himachuun koo balleessaadha?” yoo jedhan dhagahamu.

Namootni kunneen erga hawaasa waltajjii bahe duratti baafamaniin booda dhibdee ‘Jilbeenfadhuu’ fi ‘Hin jilbeenfadhu’ jedhuun gara rukuttaaa fi arrabsootti cehe.

Bulchaan aanaa Geeraa Obbo Hawwiin, gochaan aanichatti raawwatame kun gocha safuu uummataa cabseefi maqaa gaarii aanichaa balleessu waan ta’eef, waan qondaalota aanichaatiin raawwatame kanatti qaana’uu himan.

“Taatee kanatti qaana’uu qofa utuu hin taane itti yeellaaneerra. Kuni duudhaa Oromummaa waan hin ibsine.

Aadaa fi safuu uummata aanaa Geeraas kan cabsedha. Kanaaf jecha, nuti akka aanaatti gocha waltajjii sanarratti ta’eef uummata dhiifama gaafanneerra,” jedhan

Gochi kun erga raawwatamee fi vidiyoon gocha kana ibsu erga baheen booda, namoota jahan gocha kana keessa turanii fi qondaalota aanaa lamaan gocha kana raawwatan too’achuus himan.

Bulchiinsi aanichaa gocha kanaan booda hawaasa gandichaa waliin marii taasisuun, dhiifamani erga gaafatameen booda, namootni jahan gochi kun irratti raawwatame wabiidhaan akka bahan ta’eera jedhan.

Qondaalonni aanaa lamaan gocha hiraarsuu kana raawwatan garuu ammayyuu to’annoo jala akka jiraniifi dhimmi isaanii seeraan kan ilaalamu ta’uus himan Obbo Hawwiin.

Dhibdee waltajjii sanarratti dhalateen gochi safuu hin eegne raawwaatamus, miidhaan qaamaa namootarra gahe akka hin jires ibsan.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here