Addis Ababaatti namoonni kuma 102 ta’an guyyaa tokkotti waan nyaatan akka hin arganne ibsame

0
782

Addis Ababaatti lammiiwwan kuma 102 ta’an guyyaatti of sooruu akka hindandeenye biiroon dhimmi hojjetaafi hawaasummaa bulchiinsa Addis Ababaa Addis Maaladaatti himeera.
Biiroon dhimma hojjetaafi hawaasummaa bulchiinsichaa quu’annoo quu’achiiseen Magaalaa Addis Ababaatti lammiiwwan kuma 100fi kuma 2 ga’an guyyaatti yeroo tokkollee of sooruu akka hindandeenye akka mirkaneesse hooggantuu itti aanaantuun biirichaafi itti gaafatamtuun damee hawaasummaa Ababaa Isheetee Addis Maaladaatti himaniiru.

Itti aantuu hoogantuun biirichaa akka jedhanitti taanaan bulchiinsi magaalichaa lammiiwwan kana guyyaatti sooruuf carraaqaa kan jiru ta’us yeroo tokkotti kan danda’amu miti.Bulchiinsi Magaalichaa lammiiwwan guyyaatti al tokko sooruuf dhaabbilee deeggartoota waliin hojjechaa akka jiru Ababaan eeraniiru.

Bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee tumsan waliin ta’uun lammiiwwan guyyaatti of sooruu hin dandeenye sooruuf hojii hojjechaa jiru malees rakkoo kana haala warummaa qabuun fala itti barbaaduun akka barbaachisu Ababaan ibsaniiru.Biiroon dhimma hojjetaafi hawaasummaa bara 2014 rakkoo kana xiqqeessuuf xiyyeeffannoo kennuudhaan akka hojjetu kan eeran Ababaan biiroon isaanii hojimaatawwan haarawaa akka hordofu dubbatan.

Lammiiwwan kuma 102 guyyaatti of sooruu hindandeenye keessaa socho’uufi hojii kamiyyuu hojjechuu kan hindandeenyeefi sababa adda addaatiin humna kan hinqabne jiru.Biirichi rakkoo kana hir’isuuf lammiiwwan kanneen keessaa kanneen hojii hojjechuu danda’aniif bara 2014 carraa hojii uumuuf akka hojjetu Ababaan beeksisaniiru.

Kanaafis jiddu galawwan nyaachisaa Addis Ababaatti argaman jiddu gala nyaachisaarra darbuun akka dhaabbata leenjiitti fayyadamuuf biirichi hojjechaa akka jiru himameera.Jiddu galawwan nyaachisaa hojii nyaachisa guyyaa malees dhaabbata leenjii ta’uudhaan yoo tajaajilan lammiiwwan hojjechuu danda’aniif leenjii kennuudhaan carraan hojii uumameefii of bulchuu akka danda’aniif carraan ni uumamaaf jedhameera.

Lammiiwwan hojjechuu danda’an hojjechuu akka danda’an taasisuun lakkofsa lammiiwwan guyyaatti al tokko of sooruu hindandeenye hir’isuun akka danda’amu Ababaan eeraniiru.Haata’u malee hojii kana raawwachuuf tumsaafi deeggarsi qaamolee dhimmi isaan ilaalaltuu barbaachisaadha jedhan.

Magaalaa Addis Ababaa keessa jiddu gala nyaachisaa Tasfaabirhaan dabalatee jiddu galawwan nyaachisaa shantu jira.Jiddu galli nyaachisaa 5ffaan Tasfaabirhaan kutaa magaalaa Qiirqoos keessatti ijaarame tajaajila kennuu eegaleera.

Jiddu galawwan nyaachisaa kunniin namoota humna hinqabne,haadholiifi manguddoota sooruu malees lammiiwwan hojjechuu danda’aniif carraa hojii kan uuman akka ta’an ibsameera.Jiddu gallii nyaachisaa Tasfaabirhaan kutaa magaalaa Qiirqoos keessatti tajaajila kennuu eegale korporeeshinii hojiiwwan ijaarsaa Itiyoophiyaatiin kan ijaarame yoo ta’u Waldaan aksiyoona wabii buttaa Itiyoophiyaa birrii miliyoona 5,Faawundeeshiniin Rohaa meedikaal kaampaas heelz birrii miliyoon 1.5 deeggarsa akka taasisan himameera.

Namoota jiddu galawwan nyaachisaa dhaquudhaan nyaachuu hindandeenye dargaggoonni tola oltoonni beekamtii biiroo dhimma hojjetaafi hawaasummaa qaban nyaata qophaa’eef mana jireenyaa akka geessan taasifamaa akka jiru hubatameera.


ቅጽ 3 ቁጥር 139 ሠኔ 26 2013

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here