Lammiiwwan Wallagga bahaatti rakkoo tasgabbiitiin buqqa’an gargaarsa namoomaa argachaa hinjirru jedhan

0
775

‘Mootummaan yoo jiraate rakkoo keenya hubachuun fala hatattamaa haakennu’ buqqaatoota

Naannoo Oromiyaa godina wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti sababa rakkoo uumameetiin lammiiwwan qayeefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an mootummaan akka isaan hinsimanneefi deeggarsa namooma aargachaa akka hinjirre Addis Maaladaatti himaniiru.

Wallagga bahaatti humna hidhataadhaan haleellaa irra deddeebiin raawwatameen qonnaan bultoota qayeefi qabeenyasaanii gatanii buqqa’an keessaa fagaatanii deemuu kan hindandeenye gara naannawa tasgabbii fooyya’aa qabutti baqatanis qaamni mootummaa simatee hanga yoonaatti isaan keessummeesse akka hinjirre himaniiru.Aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa ganda Arqumbii 1,Arqumbii 2,Arqumbii 3fi Arqumbii 4 keessaa lammiiwwan buqqa’an wayita ammaa haleellaa baqachuun magaalaa Angar Guttin jiru.

Haata’u malee lammiiwwan buqqa’an simachuun qaamni mootummaa nyaataafi da’oo kennu akka hinjirre himan.Buqaatoonni magaalaa Angar Guttin jiran Addis Maaladaatti akka himanitti taanaan hanga yoonaatti tumsa hawaasaatiin da’eeffatanii jiru.

Qonnaan bultoonni gandawwan afur keessaa buqqa’aniifi magaalaa Angar Guttin keessa jiran yeroo buqqa’an irraa eegalee hanga ammaatti tumsa gaarii hawaasaatiin turanis wayita ammaa iddoon irraa buqqaafaman bilisa ta’ee gara naannawasaaniitti deebi’uudhaan qotachuu barbaadu.

Qonnaan bultoonni gandoolee Arqumbii afran keessa jiraachaa turan rakkoo tasgabbii uumameen qayeefi qabeenyasaanii gatanii erga baqatanii booda buqqaatoonni’ABO Shanee’ kan jedhaniin garee hidhataan naannawicha too’ateera.

Akkaatuma Kanaan torban darbe ganda Arqumbii lamatti manneen jireenyaa qonnaan bultootaa torbaa akka gubatan buqqaatoonni Addis Maaladaatti himaniiru.Qabeenyawwan qonnaan bultoota buqqa’aniis garee ‘ABO Shanee’ tibbana gandoolee afran too’ate jedhameen fe’amuun akka fudhatamanis buqqaatoonni eeraniiru.

Iddoon buqqaatoonni amma jiraatan nagaa fooyyee kan qabuufi naagaa naannwichaa kabajisiisuuf humni addaa Oromiyaa kan itti bobba’ee turedha jedhameera.Haata’u malee humni addaa Naannoo Oromiyaa turban tokko dura naannawicha gadilakkisee akka ba’e buqaatonni Addis Maaladaatti himaniiru.

Kana booda humni qonnaan bultoota buqqaasuun naannawicha socho’aa jira jedhame iddoo itti argaman seenee haleellaa raawwachuu danda’a yaaddoo jedhu akka qaban buqqaatoonni dubbataniiru.Buqqaatoonni yaaddoosaanii ibsan kun’Mootummaan yoo jiraate rakkoo keenya hubatee fala nuuf haakenmu’ jechuun waamicha dhiyeessniiru.Kana malees mootummaan yaaddoo naannawicha jiru ilaaluun ummanni miidhamuun dura naannawicha akka sakatta’uuf gaafataniiru.

Qonnaan bultoonni lafasaanii gatanii waan ba’aniif bara omishaa kana qotuun hindanda’amne.Kun ammoo qonnaan bulaan deeggarsa namoomaa argachaa waan hinjirreef rakkoon qonnaan bultootaa itti fufuudhaan dararamnisaanii akka itti fufu ibsameera.


ቅጽ 3 ቁጥር 139 ሠኔ 26 2013

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here