- Dabalanni gatii wal’aansaa Hospitaalota irratti taasifame wal’aanamtootaaf yaaddoo guddaa akka ta’e ogeeyyonni wal’aansaa himaniiru
Hospitaalota Mootummaa irratti haala taasifamee hinbeekamneefi madda galii wal’aanamtootaa tilmaama keessa hingalchineen dabalatini gatii wal’aansaa dachaa 10 caalu haala jireenya wal’aanamtootaa irratti yaaddoo ta’uu akka danda’u Hospitaala Yuuniivarsiitii Goondaritti ogeessi wal’aansaa Dr.Suraafeel Ayyala Addis Maaladaatti himaniiru.
Kaardii baasuuf birrii 5 ture amma birrii 60 ta’eera kan jedhan ogeessichi ciisanii wal’aanamuuf kaffaltiin siree gaafatamaa ture guyyaatti birrii 10 irraa gara birrii 180 dabaleera.Baasiin laaboraatoriifi kanneen biroos haaluma walfakkaatuun dabaleera jedhan.
Namni yoo dhukkubsate akkuma ta’u ta’ee dabaree eeggachuun wal’aansa mana mootummaatti argatu irratti qaala’iinsi jireenyaa utuu jiruu dabalatini gatii taasifamuun lubbuu baraaruuf yaaddoo ta’a jechuun komii qaban ibsaniiru.
Amma wal’aanamaa irra jiraan sababa dabalata gatiitiin rakkachaa akka jiruufi wal’aansa addaan kutuun ba’uuf dirqamaa jira kan jedhan ogeessi kun dawaa barbaachisu bituufi qorannoo fayyaa taasisuuf ulfaataa ta’eera jedhan.
Walqabsiisuunis Hospitaalonni dabalata gatii yoo taasisan saffisaafi qulqullinni tajaajila kennanii kan kanaan duraarra ni dabalaa?wanti jedhu gaaffii keessa kan galudha jechuun himan.
Ministeera fayyaatti daayireektara tajaajila wal’aansaa kan ta’an Yaaqoob Sammaahany gamasaaniitiin dabalatini gatii tajaajila wal’aansaa irratti taasifame sadarkaa Federaalaatiin akka ta’e eeruudhaan kunis qulqullinni tajaajila wal’aansaa akka dabaluuf yaadamee kan raawwatame akka ta’e Addis Maaladaatti himaniiru.
Dabalatini gatii kan taasifame Hospitaalota 24 itti waamamnisaanii Federaalaaf ta’etti akka ta’e kan ibsan daayireektarichi naannoleettis yeroo adda addaatti sirreessi gatii akka taasifame yaadachiisaniiru.
Dhaabbileen caasaa Federaalaa jala jiran gatiin tajaajila wal’aansaatiif gaafatan tilmaama bara 1954 bara sirna Hayilasillaasee keessa taa’een akka ta’e ibsaniiru.
Qulqullina tajaajila wal’aansaa irratti komiin hedduun akka dhiyaatu kan kaasan obbo Yaaqoob kanas fooyyessuuf dhaabbileen fayyaa maallaqa argachuu qabu jedhaniiru.Keessumattuu gama tajaajila wal’aansaa kennamuutiin kaffaltiin raawwatamu gadi aanaa akka ta’e kan eeran obbo Yaaqoob baasii mootummaan dawaaf baasu dhibbentaan 99 yoo danda’u wal’aanamaan dhibbentaan 1 qofa kaffaluudhaan tajaajila argachaa akka ture ifoomsaniiru.
Sirreessi gatii kun komiiwwan dhiyaataniif fala kennuuf quu’annoon gahaan taasifamuun ministeera fayyaatiin kan hojiirra oolfame akka ta’e himan.Dabalatini gatii taasifame tajaajila kennamuu gadi akka ta’es hubachiisaniiru.
Dabalatini gatii kun fayyadamaa irratti yeroof dhiibbaa kan uumu ta’us tajaajila fooyya’aa kennuuf yaadamee kan raawwatame akka ta’es himan.
Haata’u malee tajaajilli wal’aansa bilisaa Haadholiifi Daa’immanii,tajaajilli da’uumsaa,qorannoon HIV,TB fi wal’aansi dhukkuboota daddarboo bilisaan kennamuun akka itti fufu dubbataniiru.
Itti dabaluunis sababiin dabalatini gatii taasifameef hawaasni tajaajila wabii fayyaatti fayyadamuudhaan baasii mudatu irraa baraaruuf akka ta’e kan eeran daayireektarichi nama hunda fayyadamaa wabii fayyaa taasisuun tajaajila wal’aansaa bilisaan akka argatuuf ta’uu hubachiisaniiru.



