Godina wallaggaa bahaa aanaa Kiiramutti guyyaa tokkotti namootiin 60 ol hidhattoota shanee tiin ajjeefamuun isaanii ibsame

0
778

Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga bahaa Aanaa Kiiramuu magaalaa Addis Alem jedhamutti hidhattoonni shanee mana maree bakka bu’oota ummataa shororkeessaa jedhamee guyyaa tokkotti namootiin 60 ol ajjeefamuu isaanii jiraattoonni naannichaa Addis Maaladaatti himan.

Eguumsii akka nuuf hin taasiifamnne beekaa humni addaa naannichaa akka ba’u taasifamee du’aa irraa baraaramuun waan yaadamuu miti kan jedhan jiraattoonni kun namootiin nagaa kan ajjeefaman yammu addaa naannicha gad dhisee akkuma baheen ta’u isaa ibsaniiru.

Addis Maaladaan jiraattota irraa akka dhageessetti yoo ta’e Fulbaanaa 30 2014 darbee dhalattonni Amaaraa 60 ol ta’an ABO Shaneetiin kan ajjeefaman yammu ta’u ajjeechiichi kan raawwatame Aanaa Kiiramu magaalaa Haroo addistti humnoonni addaa naannichatti eegumsa taasisaa turan naannicha gad dhiisanii akka bahaan ergii taasifamee boodadha.

Jiraattonni kun itti dabalaniis humnoonni addaa naannicha gad dhiisanii kan ba’an dhukaasa tokkoon ala ijaa ta’e jiraattota kana du’aaf dabarsanii kennuuf kan walii galan fakkaata jechuudhaan yaada isaanii kan kennan.

Waaqayyoo nu gargaare dhukaasichii jalqabuu isaa dura ijaa baqannee bosona keessa dhokannee jira kan jedhan madden odeeffannoo Addis Maaladaa dhukaasichii jalqabamuu dura jechuunis Fulbaana 29 2014 Sanbata galgala humni addaa naannoo Oromiyaa gad dhiisanii akka ba’an kan taasifame jedhaniiru.

Humnoonni addaa akka bahaa kan taasiifaman namoota lubbuudhaan jiran fixuudhaaf beekaa ijaa karoorfamee fakkaata akka rasaasnni jalaa hindhumnnes bakka tokkotti jilmaadhaan ajjeessuu kan jedhan jiraattoonni kun lammiilee nagaa irratti hidhattoonni aleellaa kan raawwatan bakka gabaatti ta’u isaa eeraniiru.

Naannoowwan Wallagga bahaatti wantootii bu’uraa nyaataafi taa’aan akka hin jirreefii maanguddoliiniif da’iimman naannichaa ba’u hindandeenye beela kessa jiraachuu isaanii kan dubbatan jiraattoonni kun warreen miidhaa jiru baqatanii ba’aniis daggala keessa ta’u isaaniitiin beela hamaa keessa jiraachuu isaaniidha kan ibsan.

Madden odeeffannoo keenya keessaa dargaggoo maqaan isaa akka ibsamu kan hin barbaanne eergiin nyaata argadhe guyyaa sadii ta’eera dhokadheen daggala keessan jira .Qonnaan bulttonnii rasaasaan ajjefamaniiru da’iimaniifii dubartoonni waan qara qabuun marrumaan isaanii gad baafamee iddoo garaa garaatti kufanii argeera jechuudhaan kan ijaan argee nutti himeera.

Hidhattoonni kun kan barbaadan dhalattonni Amaaraa naannoo Oromiyaa akka hin jiraanne taasisuu akka ta’e kan ibsame yammu ta’u waraanaa akka hinduunee meeshaa hin qabnuu Raayyaan ittisa akka nuun hin gargaare naannoo keenya hin jiru lamiileen nagaa hedduu dhuumaniiru warreen muraasa hafneef abdii kutachuu manna jennee mootummaa eegaa jirra jechuudhaan kan beekuu dubbateera.

Namootiin haleellaa kana irraa hafanifii daggala keessa dhokatanii jiran gara iddoowwan ollaa ta’an deemuudhaaf yoo barbaadaniis naannosaaniitti marfamanii qabamu isaanii eeraniiru. maddeen odeeffannoo Addis Maaladaa keessaa tokko bakka da’o qabannee keessa jirraa marsamnee jirra inni due’s du’ee Warri hafnees abdiidhumaan jirra jechuudhaan kan itti aanuu kana ibseera.

Baqatanii miliqu waan hindandeenyeef ‘’da’iimaniifii maanguddoon bakka bakkatti kufanii jiru’’ kan jedhan jiraattoonni naannichaa hiidhataan Shanee shororkeessaa jedhamee dhaloota Amaaraa bakka jiraatanii gad dhiisanii akka hinbaane dirqisiisanii akka ukkaamsaman ibsaniiru.

Madden odeeffannoo keenya itti dabalaniis amma gabaafnni kun itti qopha’etti haleellichii akka hindhaabanne kan ibsan yammu ta’u Raayyaa ittisaafii humni addaa ijaa hin jirre reeffa warreen du’an sirriitti beekuun rakkisaa ta’u isaa dubbatan.

Addis Maaladaan dhimmicha ilaalchiftee itti gaafatamaa dhimmoota komunikeeshinii naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa yeroo daddabalamaa bilbilaan dubbisuu yoo yaaltees bilbila isaanii ijaa hin kaanee deebii isaanii as keessatti dabaluu hindanda’amne.

Addis Maaladaan Godina wallaggaa bahaatti lamiileen nagaa hedduu aanaalee garaa garaatti argaman ajjeeffamaa naannoo isaaniitti buqqa’aa akkasumas nagaadhaan socho’uu akka hin dandeenyee gabaasa turuun ishee kan yaadatamudha.


አዲስ ማለዳ 27 Onkololessa. 2014 No 20

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here