Ongenen naannoo Sumaaleetti uumame hammaatee itti fufuu danda’a jedhame

0
571

Naannoo Sumaalee Itoophiyaatti balaan ongee uumame ji’oota itti aananuttis hammaatee itti fufuu danda’a jechuun biiroon misooma horsiisaan bultoota naannichaa Addis Maaledaatti beeksise.
Hoogganaa itti aanaan biiroo misooma horsiisaan bultootaa naannoo Sumaalee Mahaammad Ga’alee Abdii Addis Maaledaatti akka ibsanitti, roobni ni rooba jedhamee kan itti amaname ji’oota sadan darbanitti roobni waan hinroobiniif; ongeen uumame ji’oota bonaa itti aananii dhufanitti hammaatee itti fufuu akka danda’u eeraniiru. Kanaan walqabsiisuunis; naannichi irra caalaatti rooba kan argatu ji’oota Arfaasaa fi Gannatti waan ta’eef ji’oota bonaa sadan dhufanitti roobni ni rooba jedhamee akka hineegamne ibsaniiru.
Kanaanis; sababa hanqina roobaatiin boollan bishaanii goguu isaanii fi itti aansees bishaan argachuun caalaatti rakkisaa akka ta’u dubbataniiru.

Haalli ongichaa adda adda haata’u malee godinaalee naannichaa hunda keessatti uumamuu isaa eeranii, ji’oota itti aananittis bakkeewwan haalli suukkanneessan itti uumamu jiraachuu akka danda’anu ibsaniiru.

Godinaalee naannichaa ongeen itti uumame keessaa kan kan Daawwaa fi Shabalee jiru baay’ee hammaataa dha erga jedhanii booda; godinaalee kanatti hawaasni madden bishaanii amansiisaa hinqabne hedduu ta’uu eeraniiru.

Haala walfakkaatuun; godinaalee Afaaleer fi Koraayitti ongeedhaan kan ka’e hubaatiin bal’aan mul’ataa jiraachuu kan eeran hoogganaa itti aanaan biirichaa; godinaalee kanaan dabalatatti godina Siitii keessattis akkasuma hubaatii olaanaan qaqqabuu isaa eeraniiru.

Olla godina Booranaa kan ta’e aanaa Daawwaa qofaatti qorannoo ji’a Onkoloolessaa keessa taasifameen beeladni kumni 47 ol akka du’anii fi horsiisaan bultoonni kuma 60 ol deeggarsa nyaataa arifachiisaa akka isaan barbaachisu ibsamuun isaa ni yaadatama.

Hawaasni baadiyyaa naannichaa keessa jiraatu kan wal irraa faffagaatu waan ta’eef waliin wal gargaaruu fi qabeenyaa jiru waliin fayyadamuuf rakkisaa akka ta’e eeranii; sababa kanaan ongichi balaa hammaataa qaqqabsiisuu isaa dubbataniiru.

Hawaasni horsiisaan bulaa hedduun naannoo Sumaalee keessa jiraachuu isaa hordofee; hoesiisaan bultoonni bishaan argachuuf naannicha keesatti bakka tokkoo gara biraatti beelada qabatanii akka godaananu ibsaniiru.

Hanga yoonaattis yeroo ji’a sadii hinguunne keessatti gaalonni, re’ewwanii fi beeladoonni biraa kuma 100 fi kuma 50 gadi hintaane sababa ongeetiin du’uun isaanii eerameera. Ji’oota itti aananuttis baay’inni beeladootaa sababa ongeetiin du’anuu kanaan olitti dabaluu akka danda’u ibsameera.

Hanqina bishaanii hammaataa sababa ongeetiin mudateen beeladoota du’anuun dabalatatti; naannichatti yeroo ammaa lammiiwwan miliyoona afur caalan kan gargaarsa barbaadan ta’uu hoogganaa itti aanaan kun ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa dhaabbilee gargaarsaa adda addaa waliin ta’uudhaan meeshaalee kuusaa bishaanii akka dhiyeessuu fi bishaan botteedhaan akka raabsu eeranii; ongeen kun yoo haala kanaan itti fufe hubaatiin kan ammaa caalu qaqqabuu waan danda’uuf qaamoleen deeggarsa taasisuu danda’an akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.

Naannichatti rakkoo sababa ongeetiin uumame ittisuuf naannoo Doolaara miliyoona 60 kan barbaachisu yoo ta’u; maallaqni hanga yoonaatti argame walakka isaa akka hinta’in ragaaleen ni mul’isu.


አዲስ ማለዳ 16 Muddee 2014 No 27

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here