Ayyaanota gurguddaa Itoophiyaa keessatti kabajaman keessaa dursee gara sammuu namaatti kan dhufu inni tokko; Muddee 29 kan kabajamu guyyaa dhaloota Iyyesuus Kiristoos kan ta’e ayyaana Gannaa (ayyaana Qellee) ti.
Jechi Gannaa jedhu Giriik irraa kan argame ta’ee; hiikni isaas dhaloota jechuu dha. Ayyaanni dhaloota Kiristoos guutummaa adunyaatti biyyoota adda adaatti kan kabajamu yoo ta’u; biyyoota bara isaanii akka Gorgorosiyaanotaatti lakkaa’atan biratti Muddee 16 (December 25) kabajama.
Biyyoonni muraasni immoo Itoophiyaa wajjin Muddee 29 kabaju. Kanaanis Indiyaa, Iskindiriyaa, Ijipt, Sooriyaa fi Armeeniyaa kan fakkaatan Itoophiyaa wajjin guyyaa walfakkaatutti kabajatu.
Itoophiyaa keessatti haalli kabaja ayyaana Gannaa wayita ka’u immoo manneen amantaa Kiristaanaa Laalibalaa dhakaa irraa bocaman yaadachuu dhiisuun hindanda’amu.
Manneen amantaa dhakaa irraa bocaman kana jaarraa 13ffaa keessa mootii sirna mootummaa Zaagiwee kan ture Laalibalaan dhakaa tokkicha irraa bocuun akka hojjete amanama.
Barsiisaa Darajjee Nagaash dhimma kana irratti yaada Addis Maaledaaf kennaniin; eebbifamoo Laalibalaan mootota sirna Zaagiwee 11 keessaa isa tokko yoo ta’an; kan waggoota afurtamaaf mootii turan torba keessaas tokko ta’uu isaanii ibsaniiru. Kana qofa osoo hintaane mootota Zaagiwee eebba gonfatan arfan keessaas tokko ta’uu isaanii himan.
Mootichi Laalibalaa imala amantaatiif irra-deddeebiin gara Iyyerusaalemitti imaluu isaanii eeranii; Iyyerusaalemiin Laalibalaa qofa osoo hintaane Itoophiyaanonni biraas daawachuu waan barbaadaniif; rakkoo gammoojjii Ijiptitti isaan mudatu hambisuuf kan Iyyeruusaalemiin fakkaatu Itoophiyaa keessatti dhaabuu isaanii ibsaniiru.
Kanaanis mootichi Laalibalaa manneen amantaa Kiristaanaa kudha tokko kan bocan yoo ta’u; kana keessaas manni Fayyisaa Adunyaa (Beete-Medihane’alem) hunduma irra guddaa fi utubaawwan 72 kan qabuu dha.
Manni Maariyamii (Beete Maariyam) immoo mootichi kan caalaatti jaal’ataa turanii fi guyyaatti yeroo hedduu kan itti deddeebi’an, weelluun Yaaredummaas kan itti dhiyaatu dha jechuun ibsan barsiisichi. Kanneen hafan mana dubree (Beete Denaagil), mana Dabire Siinaa, Mana Goolgotaa, mana Amaanu’eel, mana Abbaa Libaanoos, mana Meerqoriyoos, mana Gabireelii fi Rufaa’elii fi manni Giyoorgis (kan Fannoo of irraa qabu) dha.
Laalibalaatti ayyaanni Gannaa (Qelleen) ho’ina addaatiin kabajama. Guyyichi mootichi Laalibalaan kan itti dhalateedhas. ‘Beezaa lekullu’ jedhamuun kan waamamu faaruun faarfatamu immoo ayyaana kana irratti kan dhiyaatu agarsiisa addaa ti.
Faaruun kun kan faarfamu sirna kadhataa (Qiddaasee) booda Beete-Maariyaamitti yoo ta’u; gara gadiitiin luboonni kaabbaa adii, oliin immoo kaabbaa gurraachaan, akkasumas hawaasni amantichaa fi daaqonoonni hiriiruun faarfatu. Kunis Kiristoos wayita dhalate samii irratti ergamtoonni, lafa irratti immoo tikseewwan tokkummaadhaan ta’anii faarfachuu isaanii agarsiisuuf akka ta’e ibsaniiru.
Ayyaana dhaloota Kiristoos Itoophiyaatti kabajuun kan jalqabame dur wayita Kiristoos dhalate irraa eegaluun akka ta’e kan ibsan barsiisaa Darajjeen; Kiristoos wayita dhalate ogeeyyota (sab’aa Sagal) jedhamanii fi harka-fuuchaa qabatanii gara Beeteliheemitti imalan keessaa tokko mooticha Itoophiyaa Baazen ture; kunis Itoophiyaan dhaloota Kiristoos wajjin biyya hariiroo addaa qabdu ta’uu ishee mul’isa jedhaniiru.
Itti dabaluunis; mooticha Baazeniin kan hundaa’ee fi Asmaraatti dhiyoo ta’ee daandii gara Mitsiwwaatti geessu irratti, maqaa addaatiin bakka Nifaasiiti jedhamutti kan argamu gadaamii Dabre Biizan Abuune Filiiphoos kaasu. Kanaanis Gadaamichi ayyaanni Gannaa Itoophiyaatti akka kabajamuuf shoora olaanaa qabaachii isaatu ibsan.
Itti fufuunis; naannoo bara 330 bara Abirahaa fi Atsibahaa; Abbaa Fireeminaaxoos lubbuuwwan sirna Ooriitii naannawaa Xaanaa jiraatan gara seera Wangeelaatti akka ce’an taasisuunis; kan duraa irra haala bal’aa ta’een akka kabajamuuf hojiiwwan hojjetamuu isaanii eeraniiru. Jaarraa shanaffaattis akkasuma Atsee Kaaleebiin ayyaanni Gannaa Itoophiyaa keessatti bal’inaan akka kabajamuuf yaaliin taasifameera jedhan.
Walqabsiisuunis; Gannaa fi Itoophiyaa adda baasuun hindanda’amu kan jedhan yoo ta’u; akka fakkeenyaattis biyyoonni hedduun lakkoofsa bara isaaniitiif Waaqa nam-tolchee (xaa’ot) wayita taasifatan, nuti garuu dhalachuu gooftaa bu’uura taasifanna jedhan.
Bara kana ayyaanni Gannaa Laalibalaatti kabajamu; kan duraa irraa haala adda ta’een bakkichi erga humnoota Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) irraa erga biliisomee booda kan kabajamu waan ta’eef miira ayyaanichaa adda taasisa jedhan.
Kanaan duras yeroo weerara adda addaa ayyaanota naannichatti kabajuuf rakkoon mudataa akka ture kan eeran barsiisichi; kan ammaa kana daraan hammaataa kan taasisu waliin waliin kan taasifamee fi hammeenyi argamee hinbeekne kan itti raawwatame ta’uu isaa ti jedhan. Rakkoo kana booda lammiiwwan Itoophiyaa biyyoota alaa keessa jiraatan hedduun waamichi taasifameefii gara biyyaatti dhufuu isaaniitiin kan kabajamu waan ta’eef; ayyaanni baranaa adda ta’uu isaa dubbataniiru.
Magaalattiin too’annaa ABUT jala taatee ji’ootaaf utuu ni turti ta’ee ayyaani Gannaa bakkichatti hinkabajamu ture. Amma garuu naannichi biliisa ta’ee ayyaanicha kabajuu danda’uun isaa namoonni baay’een gammachuudhaan akka gar asana adeeman isaan taasisa amantaa jedhutu jira.
Biiroo tuurizimii naannoo Amaaraatti hoogganaan sab-quunnamtii Abbabaa Imbiyaalee, Addis Maaledaatti akka ibsanitti; Itoophiyaanonni hedduun biyyoota alaa jiraatan gara biyyaatti erga dhufanii booda qabiyyee ayyaanichaatiin kan wal qabateen qofa osoo hintaane; haala turee wajjin kan wal qabateen ayyaana Gannaa kabajuuf hedduun isaanii Laalibalaatti ni argamu amantaa jedhu qabaachuu isaanii dubbataniiru.
Kunis tuurizimii naannichaa sababa weerara Koroonaa fi waraanaan hubamee ture dadammaqsuuf murteessaa ta’uu isaatiin cinatti; keessumattuu hawaasa naannichaa hammeenyi irratti raawwatamaa tureef aantummaa fi miira jjajjabinaa akka horatu taasisa jedhan.
Kanaanis; ayyaanichi ho’inaan kabajamee nagaadhaan akka xumuramuuf koree olaanaan pirezidaantii itti aanaan naannichaatiin durfamu hundaa’ee; kantiibaa Laalibalaa, kantiibaa Gondar, waldaalee taaksii, abbootii hoteelaa, dhaabbilee daawwachiistotaa, akkasumas biiroo tuurizimii wajjin ta’uun bal’inaan maryatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Magaalaan Laalibalaas humnoota ABUTn misoomni bu’uraalee ishee hedduun barbadaa’uu eranii; wayita ammaatti tajaajilli bilbilaa yoo jiraates; eleektiriikii fi bishaan baay’ee barbaachisaa waan ta’aniif rakkinicha furuuf hojjetamaa jira jedhan. Qubanni xiyyaaraa Laalibalaa misooma bu’uraalee barbadaa’an keessaa tokko ta’uu fi suphiinsi taasifameefii Muddee 24 bara 2014 tajaajila balalii kennuu jalqabuu isaa ibsaniiru. Gaafa sanas keessummoota gara sanatti dhufan imalchiisuun yeroo lama balali’uu isaa fi, keessummooni gaafa sana irraa eegaluun gara magaalattii seenaa akka jiran dubbataniiru.
Ayyaana Gannaatiin dabalatatti ayyaana Cuuphaa dhiyeenyatti kabajamuuf qophiiwwan taasifamaa jiraachuu; gareen ogeeyyii hundaa’ee gara magaalota Gondarii fi Laalibalaatti qajeeluun hanga xumura ayyaanichaatti qophii jiru hubachuun qaawwaan akka guutamu ni taasifama jechuun hooggantichi dubbataniiru.
Gareen ogeeyyii kun haala qulqulleesseen; ayyaana Gannaa dursee kabajamuuf magaalaa Laalibalaa eessatti hoteelonni giddugaleessaa 25 fi gurguddaan sagal jiraachuu mirkaneesseera jedhan. Kanaanis waliigalaan hoteelonni 36 tajaajila kennuuf qophii guutuu taasisuu isaanii hooggantichi himaniiru.
Hoteelonni kan biraa afur qabeenyaan isaanii garee weerartuu ABUTn guutummaatti waan saamameef tajaajila hinkennanu kan jedhan hooggantichi; hoteelonni 34 garuu keessummoota sirnaan keessummeessuu qofa osoo hintaane; hir’ina muraasa ( dhibbeentaa 30) akka taasisanus ni eegama jechuun ibsaniiru.
Hata’u malee hoteelonni jiran muraasa waan ta’aniif namni hunduu hoteela keessa boqota jedhamee hineegamu; kanaaf immoo hawaasni magaalaa fi xiqqoo fagaatee kan jiru mana mana isaatti dawoo (dunkaana) dhaabuun keessummootaaf bakka itti boqotan akka qopheessuuf dargaggoota, abbootii amantaa fi maanguddoota biyyaa, akkasumas humnoota nageenyaa waliin mariin taasifamuu beeksisaniiru. Keessummoonnis hoteelonni jiran gahaa waan hintaaneef kun waggaa waggaadhaan kan baratame ta’uu isaa ni beeku jedhan.
Waggoottan lamaan darbanitti sochiin tuurizimii magaalattii baay’ee dadhabaa waan tureef; ayyaanni Gannaa kun maallaqa olaanaa argachuuf ykn bakka buufachuuf utuu hintaane sochii tuuristii dadammaqsuuf itti fayyadamuu kan qabnuu dha jedhaniiru.
Muddee 28 irraa jalqabee dhaabbileen sab-quunnamtii biyya keessaa fi alaa waamichi taasifameef bakkichatti argamuudhaan gabaasa ni hojjetu. Kunis biyyoonni baay’een ilaalcha jal’ataa Itoophiyaa irratti qabatan akka sirreessanuuf ni gargaara jedhan.
Magaalaan Laalibalaa fi naannawaan isaa nagaa waan ta’aniif; kan danda’e hundi bakkichatti argamuudhaan ayyaanicha nagaadhaan kabajee ni deebi’a jechuunis ibsaniiru.
Naannichatti ayyaana Gannaa booda ayyaanonni Cuuphaa fi kan biraa kabajaman waan jiraniif; turtii Itoophiyaanota biyyoota alaatii dhufanii kan tursu yoo ta’u; kanaanis hawaasa sababa waraanaatiin hubame dinagdeedhaan; xiin-sammuun; akkasumas jireenya hawaasummaa isaa irratti dhiibbaa gaarii uumuun akka gargaaru himameera.
አዲስ ማለዳ 30 Muddee 2014 No 29



