Qaamonni yaada yaadaan mo’uu dadhaban obboleessa keenya Girmaa Yeshiixilaa galaafataniiru jedhan, Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad.
Bara garaa garummaa karaa qaroomina qabuun hiikuun danda’amutti yaadaan kan nu morme hunda afaan qawween amansiisuuf ka’uun fiixee finxaalessummaati.
Iddoo dhalatanii guddatanitti yaada nurraa gargar ta’e qabda jechuun kanneen amanan fixaaleyyiin jeequmsa hojii godhatan hojii jibbisiisaafi gara jabeenyaa raawwatan.
Kunis finxaaleessummaa yeroon qabnee dhabmsiisuu yoo banne gara lubbuu fixuutti akka nu geessu agarsiiftuu dha.
MM Dr Abiyyi lubbuun kee Nagaan haa boqottu jechuun karaa toora miidiyaa hawaasaasaanii dabarsaniin.



