Torban darbe keessa waltajjii investimentii koomishiinoota investimentii Itoophiyaa fi kan magaalaa Finfinneetiin qophaa’e irratti kan hirmaatan miseensonni hawaasa dayaaspooraa; investimentiitti hirmaachuuf fedha yoo qabaatanis rakkoon bulchiinsa gaarii muudamtoota mootummaa irraa mul’atu yaaddoo akka isaanitti uume Addis Maaledaatti ibsan.
Damee investimentiitiinis damee oomishaa dabalatee; qonnaa, tekinooloojii odeeffannoo, misooma paarkota induustirii, fayyaa fi loojistiiksiin dameewwan xiyyeeffannaan duraa itti kennamee dayaaspooraan akka itti hirmaatuuf waamichi dhiyaate yoo ta’u; manneen hojii koomishinoota lamaaniitiinuu deeskiin dayaaspooraa keessummeessu hundaa’uun eerameera.
“Bu’aa-ba’ii adeemsa investimentii keessa jiru hir’isuu fi dayaaspooraa akka lammiitti keessummeessuuf” kan hojjetamu ta’uu komishineerri kiimishiinii investimentii magaalaa Finfinnee Girmaa Seefuu dubbataniiru.
Waamicha mootummaa hordofee miseensota dayaaspooraa Itoophiyaa fi dhalattoota Itoophiyaa ayyaana Gannaa (Qelleetiif) gara biyya isaaniitti dhufan keessaa Addis G/Kiristoos Waashingiteenii kan dhufanii fi damee hojii awutomootiiviitti waggoota 20 oliif bobba’anii kan turanii dha. Kanaan dura yeroo adda addaatti mootummaan waamicha dhiyeessee; deebii dayaaspooraan waamichicha hordofuun kennuuf mootummaa irraa waan eegamu argachuun waan hindanda’amneef; dayaaspooraa hedduun dhama’uudhaan maallaqa isaa qisaasee deebi’aa akka ture ibsan. Muudamtoonni bulchiinsa amma jiruus sirni mattaa malee tajaajila si’ataa akka kennanuuf isaan dandeessisu waan hindiriirreef; hirmaannaan dayaaspooraa hammaataa akka ta’u Addis Maaledaatti ibsaniiru.
“bulchiinsa darbe keessaa hooggansi tajaajilaa turan ammas jiraachuun isaanii raawwii irratti amanuuf hammaataa dha” kan jedhan Addis G/Kiristoos; michuuwwan isaanii waamicha mootummaa kabajanii gara biyyaatti deebi’an gaafa ayyaana Gannaa halkan murteen mootummaan hidhamtoota hiikuuf dabarse amantaa mootummaa irraa qaban kan jalaa haphise ta’uu Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Haala walfakkaatuun; biyya Xaaliyaaniitii kan dhufan Naardoos Kiflee; hiikamuu hidhamtootaa hordofee michuuwwan isaanii Awurooppaa irraa dhufan dallanuudhaan gara dhufanitti deebi’uu isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru. Ta’us biyya waan ta’eef damee qonnaatti bobba’uuf yaada akka qaban; garuu immoo haalli nageenyaa akka isaan yaaddessu ibsaniiru. Walqabsiisuunis filannoon investimentii kan biraa maaltu akka jiru qorachuu akka barbaadan beeksisaniiru.
Kanuma hordofee; obbo Girmaa Seefuu “dayaaspooraan humna investimentii hintuqamin Itoophiyaan qabdu akka beekan taasisuun hojii keenya” jedhaniiru.
Dayaaspooraan maqaan isaanii akka hinibsamne gaafatan tokko gama isaaniitiin; waamicha kanaan dura taasifame hordofuun gara biyya isaaniitti dhufuun hojii qonna qindaawaatti (Agro processing) yoo bobba’anii turanis; fincila uummataa bara 2018tiin qonnaan isaanii guutummaan barbadaa’uu isaa yaadataniiru. Mootummaan wayita sanatti deebisee bayyanachiisuuf waadaa seenee yoo tures; omaa akka bakka hinbuusiniif eeranii; yeroo itti aanutti dayaaspooraan maallaqa isaa erga dhangalaasee booda balaan yoo mudate abdii maaliitiin gara hojiitti akka seenu isaanitti bitaacha’uu Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Waldaalee Daldaltootaa (Chamber of Commerce) duraanii hoogganaa kan turan Birhaanee Mawwaa gama isaaniitiin; waamichi bifa kanaan gurmaa’e taasifamuun isaa dayaaspooraa maallaqa dhangalaasuuf yaada qabatee dhufu kan jajjabeessuu dha jechuun dubbataniiru.
Birhaanee Mawwaa bakka jireenya isaanii Ameriikaa irraa gara biyyaatti dhufuun warshaa qorichaa baasii doolaara miliyoona 20 gaafatu hundeessuuf socho’aa akka jiran Addis Maaledaatti ibsaniiru.
አዲስ ማለዳ 7 Amajjii 2014 No 30


