Wixineen qajeelfamaa nageenya geejjiba bishaanii biyya keessaa (Safety Regulations) qophaa’uu isaa abbaan taayitaa mariitaayimii Itoophiyaa Addis Maaledaatti ibse.
Waajjirri abbaa taayitichaa geejjiba bishaanii biyya keessaa too’achuuf; akkasumas qaamolee geejjiba bishaaniitiif raga ga’umsaa kennuuf itti gaafatamummaa labsiidhaan kennameefitti fayyadamuun wixinee qajeelfamichaa akka qopheesse ibseera.
Daayirekteerri dhimmoota koominikeeshiinii abbaa taayitichaa Yeshii Feqaadee akka ibsanitti; wixineen qajeelfamichaa geejjiba bishaanii biyya keessaa qajeelfama walfakkaatuun too’achuuf wantoota gurguddaa itti galchuun qophaa’uu isaa ibsaniiru.
Irra caalaas; qaama bishaanii tokko tokkoon irratti bidiruu akkamiitu socho’a isa jedhu adda baasee gahumsa isaanii ni mirkaneessa jedhan. Akkasumas abbootiin geejjibaa fi hojjettoonni qaamolee bishaanii irratti bobba’an akkamiin hayyama kennu kan jedhuu fi maal hojjetu isa jedhus akka too’atu hubachiisaniiru.
Ga’umsa ogummichaa kennuufis ulaagaan walfakkaatu qophaa’uu qaba kan jedhan daarikteerattiin; naannoleetti adda adda akka hintaanee fi walfakkeenya akka qabaatuuf yaadamee wixineen qajeelfamichaa qophaa’uu dubbatan. Qaamolee bishaanii naannolee hundatti argaman irratti bidiruuwwan argamaniif mirkaneessa ga’umsaa walfakkaatu kennuun waan barbaachisuuf wixineen qajeelfamichaa akka qophaa’es kaasaniiru.
Akkasumas; hangi qaamolee bishaanii naannolee adda addaatti jiranuu adda adda ta’uu isaa caalaatti; qaamni bishaanii tokko qaama bishaanii isa biraa hangaan, gadi fageenya isaatiin, akkasumas bal’ina qabuun garaagara ta’uu isaatiin tokko tokkoon qaama bishaanii irratti bidiruuwwan socho’an kan akkamii ta’uu akka qabanii fi hojii akkamiitiif akka oolan itti dabaluufis karoorfamee qophaa’uu isaa dubbataniiru.
Dhimmi murteessaan qajeefamicha keessa kaa’ame kan biraa immoo; geejjibni bishaan irraa balaan akka hinuumamneef hojii ittisaa maal hojjechuu akka danda’an; akkasumas balaan yoo uumames akkamiin akka gargaaramanii fi balicha ilaalchisee akkamiin akka qoratamuifatti ni kaa’a jedhan.
Qaamoleen bishaanii biyyattiin qabdu naannolee keessatti waan argamaniif naannoleenis damichaaf labsii, qajeelfamaa fi danbii ofii isaanii qopheeffachuuf aangoo waan qabaniif wixineen qajeelfamichaa hojmaata walfakkaatuun akka qajeelfamuu fi too’atamu ni dandeessisa jedhame.
Muuxannoo adunyaa itti dabaluudhaan muuxannoo biyya keessaa bakka adda addaa jirus qindeessuun damicha sirnaan qajeelchuu fi Itoophiyaanis waan dame kana irraa argachuu qabdu akka argattu dandeessisuuf wixineen qajeelfamaa qophaa’e deeggarsa guddaa akka qabu ibsameera.
Geejjibni bishaanii biyya keessaa utuu xiyyeeffannaan hinkennaminiif waan tureef; damichaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuuf kan yaadamee ture irraa ka’uun wixineen qajeelfamichaa bara kana akka qophaa’e beekuun danda’ameera.
Geejjiba qaamolee bishaanii irra socho’anuu fi abbootii qabeenyaatiif haala hayyamni itti kennamu; too’annaa fi hooggansaa wajjin wixineen labsii walqabate kun Hidha Haaromsaa dabalatee lageen biyya keessaa bahanuu fi qaamolee bishaanii kan biraa hunda irra kan jiru nageenya geejjiba bishaanii hojmaata walfakkaatuun ni too’ata jedhameera.
Wixineen qajeelfamichaa qaamolee dhimmichi isaan ilaalu wajjin kan irratti hinmaryatamin waan ta’eef yaadonni dabalamanu, hir’ifamanu ykn fooyya’anu jiraachuu akka danda’an eerameera. Isa booda gara qaama seera isa ilaauu deemuun ragga’ee hojii irra akka ooluu dha kan ibsame.
አዲስ ማለዳ 12 Gurraandhala 2014 No 35


