Daabboon boqqolloo irraa qophaa’e nyaataaf dhiyaachuuf jedhame

0
765

Daabboon daakuu boqqolloo fi qamadii bifa haaraadhaan walitti makuun akka oomishamu taasifame yaaliidhaan ragga’ee xumuramuu isaatiin nyaataaf ooluuf akka ta’e instiitiyuutiin misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi faarmaasiyutikaal beeksise.

Daabbichi tolfamee yaaliidhaan mirkanaa’uu isaa fi raabsamuuf akka ta’e instiitiyuutiin misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi faarmaasiyutikaaliitti hordoffii fi madaallii karooraa Asiraat Ayyaaloo Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Daarikteerichi itti dabaluunis; daabbichi tolfamee yaaliidhaan mirkanaa’uu isaatiin olitti namoonni akka dhandhamanuuf raabsamuu isaa kan ibsan yoo ta’u; oomishicha gabaa irra oolchuuf hojiin bal’inaan beeksisuu akka hafe himan.

Ogeessi olaanaa oomishaalee nyaataa instiitiyuutichaa Malaakuu Agenyoo gama isaaniitiin; daabbichi yaaliidhaan mirkanaa’ee namoonni afurtamni akka dhandhama taasifamuu fi deebii argameenis oomishichi fudhatama akka argate eeran.

Daakuu qamadiitiin walitti makuudhaan daabboo oomishuuf kan dandeessisu oomishni boqqolloo biyya keessatti kan argamuu dhaa? Jechuun Addis Maaledaan gaaffii kan dhiyeessite yoo ta’u; biyyattiin oomisha boqqolloo qamadii irra wayyu waan qabduuf oomisha biyya keessaa argamuun fayyadamna jechuun Asiraat ibsaniiru.

Oomisha boqqolloo baay’inaan ni qabna kan jedhan Malaakuun; oomishichi waggaa darbe toonii miliyoona 9.6 akka ture kan yaadatan yoo ta’u; qamadii waggaa darbe oomishame toonii toonii miliyoona 5.8 akka caalu ibsaniiru.

Oomishni qamadii Itoophiyaan argattu oomisha boqqolloottin wal cinatti wayita ilaalamu xiqqaa waan ta’eef warshaaleen daabboo cufaman ni jiru kan jedhan Malaakuun; oomishini boqqolloo oomisha qamadii irra waan wayyuuf boqqolloo daakuu qamadii wajjin walitti mkuudhaan daabboo oomishuun hanqina daabboo xiqqeessuun akka danda’amu mul’isaniiru.

Ogeessichi itti dabaluun; daabbicha oomishuuf daakuu qamadii irratti daakuu dhibbeentaa 15 itti dabaluuf akka yaadame eeranii; kunis bu’aa salphaa hintaane akka qabu dubbatan.

Fakkeenyaafis; warshaan daabboo tokko daakuu qamadii oomisha daabbootiif fayyadamaa yoo ture; daakuu boqqolloo dhibbeentaa 15 yoo itti make dhiyeessii wal gituun daabboo hedduu oomishuun akka danda’amu Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Ogeessichi walqabsiisuunis; yeroo amma keessa jirrutti gatiin boqqolloo kuntaala tokkoo gara birrii kuma tokkoo fi 200; akkasumas gatiin qamadii kuntaala tokkoo birrii kuma sadii fi 300 akka ga’u eeranii; guutummaadhaan daakuu qamadii qofaan daabboon qophaa’a ture dhibbeentaa 15 daakuun boqqolloo yoo itti makame garaagarummaa birrii kuma tokkoo qabaata jedhan.
Akka ibsa Malaakuu yoo ta’e; garaagarummaan birrii kuma tokkoo kun immoo daabboo hedduu oomishuu fi gurguruuf kan gargaaru ta’uutu hubatame.

Gama biraatiin; daabboon bifa haaraadhaan tajaajila nyaataatiif oola jedhame sababa hanqina dhiyeessii qamadiitiin kan uumamu hanqina dhiyeessii daabboo furuu isaatiin dabalatatti gatiin daabboo yeroo kanatti jiru hir’inaan waan dhiyaatuuf gatii madaalamaadhaan dhiyeessii gahaa argachuuf akka dandeessisu eerameera.

Yeroo amma keessa jirrutti gatiin daabboo giraama 100 tokko birrii jaha kan jedhan ogeessi oomisha nyaataa kun; bu’ura daakuu boqqolloo dhibbeentaa 15 dabalamuutiin gatiin daabboo tokkoo birrii jahaa irraa gara birrii afuriitti akka gadi bu’uu fi bu’aa birrii lamaa akka qabu Addis Maaledaatti ibsaniiru. Kunis hir’ina gatii gara dhibbeentaa 33n gaha jechuun Malaakuun dabalanii himaniiru.

Sadarkaa biyyatti washaaleen daabboo xixiqqaa fi giddugaleessaa kuma saddeettu jira kan jedhan ogeessichi; warshaaleen kun waliigalaan waggaa keessatti daakuu qamadii toonii miliyoona tokkoo fi kuma 900 fi kuma 52 akka isaan barbaachisu himanii; garuu sababa hanqina qamadiitiin warshaaleen hojjetan dhibbeentaa 50 qofa akka ta’an dubbataniiru.

Haala walqabateen; warshaalee daabboo kuma saddeet biyyattii keessa jiranuuf waggaatti daakuu qamadii dhiyeessuudhaaf birrii biliyoona 82 fi miliyoona 800 fi miliyoona 30 ol gaafataa akka ture kan eeran Malaakuun; daakuun boqqolloo dhibbeentaan 15 yoo itti dabalame baasiin isaa birrii biliyoona 75 fi miliyoona 700 fi miliyoona 39tti akka gadi bu’uu fi kunis bu’aa birrii biliyoona torbaa fi kuma 300 fi kuma 95 ol akka qabaatu eeraniiru.


አዲስ ማለዳ 12 Gurraandhala 2014 No 35

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here