Waggaa dhufu tajaajilli inshuraansii fayyaa hunda haammatu ni jalqabama jedhame

0
781

Waggaa dhufu tajaajilli inshuraansii fayyaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachise akka jalqabamu tajaajilli inshuraansii fayyaa Itoophiyaa beeksise.

Tajaajilli inshuraansii fayyaa Itoophiyaa waggaa itti aanu tajaajila inshuraansii fayyaa kutaalee hawaasaa biyyattii hundatti argamu hirmaachisu akka jalqabu Addis Maaledaatti ibseera.

Tajaajila inshuraansii fayyaa Itoophiyaatti hoogganaan sab-quunnamtii Zamadkun Abbabaa Addis Maaledaatti akka ibsan yoo ta’e; namoota waggaatti yeroo tokkicha qofa galii galchanuuf tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa kennuun erga jalqabamee waggaa kudhanii as bu’aa gaarii galmeessisaa yoo jiraates; kana caalaatti hojjechuu fi tajaajila inshuraansii fayyaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisu jalqabsiisuuf hojiiwwan babal’aa hojjetaa jiraachuu eeraniiru.

Waajjirichi waggaa itti aanu ji’oota jalqabaa lamaa fi sadii keessatti tajaajilicha kan kennu yoo ta’u; tajaajilichi naannolee Itoophiyaa kudha tokkoonii fi bulchiinsa magaalotaa lamaan akka hirmaachisu ibsameera.

Hoogganaan sab-quunnamtii kun itti dabaluunis; waggoota sadanii fi arfan darbanitti tajaajilicha jalqabsiisuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamanii yoo tures; labsiin fooyya’insaa mana maree bakka bu’oota uummataatti dhiyaatee raggaasuun waan hindanda’aminii fi gama qaamolee mootummaa dhimmichi isaan ilaaluutiin beekamtii waan hinarganneef tajaajilicha jalqabsiisuun hindanda’amne jedhameera. Rakkoowwan eeraman kana ministeera fayyaa fi dhaabbilee isaan ilaaluu wajjin tumsuun furuun waan danda’ameef Fulbaana 1 bara 2015 eegalee ejensichi hojii tajaajila inshuraansii carraan ittiin jalqabsiisu bal’aa dha jedhaniiru.

Dhaabbatichi hojicha wayita jalqabsiisu; hojjettoonni dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa keessatti dhaabbii fi yeroodhaan qacaramanii hojjetan; umuriidhaan walqabatee namoonni sooramaan hojii irraa bahan kutaalee hawaasaa waggaatti yeroo tokko ykn isaa olitti galii galchan dabalatee akka hirmaachisu ibsameera.

Hoogganaan sab-quunnamtii kun Zamadkun dabalataan akka dubbatanitti; kutaalee hawaasaa tajaajila inshuraansii hawaasaa ta’anuuf dhaabbanni isaanii miindaa ji’aan isaaniif kaffalamu irraa kan kutu yoo ta’u; maamiltoonni tajaajilichatti fayyadaman miseensonni maatii isaanii isaanii qajeelfamaan akka keessatti haammataman eeran.

Bu’ura Kanaan; qajeelfamnii fi danbiin “qajeelfama wallaansaa miseensota maatii haammatu” jedhu akka qophaa’e kan ibsan Zamadkun; maamilicha dhukkubni human tajaajilichaatiin ol ta’ee fi biyya keessatti wallaanamuu hindandeenye yoo isa mudate dhaabbatichi hinkeessummeesu jedhaniiru.

Tajaajilli inshuraansii fayyaa Itoophiyaa yero ammaa qophiiwwan dursan sadarkaa guutummaadhaan jedhamuun xumuruu isaa kan ibsan hooggantichi; haala hanga ammaatti jiruun lammiiwwan miliyoona shanii ol ta’anuuf tajaajila inshuraansii hawaasaa kennaa akka jiruu fi kanaanis aanaalee dhibba saddeetii ol qaqqabuu isaa beeksisan.

Kanaan alattis; waajjirichi bara bajataa kana qofa sadarkaa biyyaalessaatti aanaalee 870 ol ta’an hirmaattota tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa taasisuuf hojjetaa akka jiru eerameera.


አዲስ ማለዳ 12 Gurraandhala 2014 No 35

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here