Kan bara darbe yeroo walfakkaataa wajjin wayita madaalamu dhibbeentaa 21n caalmaa agarsiiseera.
Bara bajataa kana ji’oota saddeetitti gabaa huccuu fi uffataa irraa sharafni biyya alaa doolaarri miliyoona 100 fi miliyoona 21 ol argachuu danda’uu isaa instiitiyuutiin misooma induustirii huccuu Itoophiyaa Addis Maaledaatti ibse.
Kanaanis Adoolessa 1 bara 2013 hanga Gurraandhala 30 bara 2014tti ji’oota saddeet jiran keessatti bu’aawwan huccuu adda addaa gara gabaa alaatti erguudhaan doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 21 fi kuma 100 fi kuma 57 fi 35 argachuu danda’uu isaa instiitiyuutichatti daarikteerri dhimmoota koomunikeeshiinii Baantiihun Gassasaa Addis Maaledaatti himaniiru. Kunis kan bara bajata darbee yeroo walfakkaataa wajjin wal cinatti wayita madaalamu caalmaa dhibbeentaa 21.56 agarsiisuun isaa eerameera.
Bara bajataa eegalameji’oota saddeetitti argachuuf kan karoorfamee ture doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 36 fi kuma 900 fi kuma 43 fi 300 yoo ta’es; argachuun kan danda’ame garuu karooricha keessaa dhibbeentaa 88.5 ta’uu ibsaniiru. Kunis addaan ciccituu eleektiriikii wayita adeemsa hojii; rakkoo dhiyeessii galtee fi sababboota biraatiin ta’uu akka danda’u eerameera. Dabalataanis damichatti ga’umsi hooggansaa xiqqaachuu; raawwiin hojjettootaa gadaanaa ta’uu; muuxannoon gabaa yeroo dheeraa dhabamuun akka rakkinaatti kan eeramanuu dha jedhameera.
Ji’a Gurraandhalaa qofatti doolaara miliyoona 20 fi kuma 100 fi kuma 39 fi 94 argachuudhaaf karoorfamee milkeessuun kan danda’ame doolaara miliyoona 15 fi kuma 200 fi kuma 34 fi 98 akka ta’e eeran. Galiin argame kunis kan bara bajataa darbe yeroo walfakkaatuutiin wayita wal cinatti madaalamu dhibbeentaa 26.93n caalmaa qabaachuu daarikteerichi ibsaniiru.
Gara gabaa alaatti kan ergaman keessaa kirrii, erbee, huccuu, uffata aadaa, dirii fi maagiin kan argaman yoo ta’u; gara Jermeen; Xaaliyaan; Chaayinaa; Ameriikaa; Keeniyaa fi biyyoota Afriikaa biraatti erguudhaan galichi akka argame itti dabaluun ibsaniiru. Bu’aawwan huccuu kun kan ergamanis paarkota induustirii Hawaasaa, Adaamaa, Boolee Lammii, Istern, Kombolchaa, Dirre Daawaa, Dabre Birhaan fi paarkota induustirii biraa keessaa qaamolee oomishanuun ta’uun eerameera.
Itoophiyaan gabaa AGOA (The African Growth and Opportunity Act) keessaa dhorkamuu isheetiin dameen huccuu miidhamuu danda’a yaaddoon jedhu jiraatus; daarikteerichi garuu sababa kanaan oomishtoonni huccuu oomishuu dhiisan akka hinjirre ibsaniiru. Walqabsiisaniis karaa qaamolee dhimmichi ilaaluutiin adeemsi filmaata gabaa barbaaduu akka jiru ibsaniiru.
Dameen huccuu gaheen dinagdee biyyattii keessatti qabu guddaa ta’uu isaa irra aadaan induustirii lammiiwwan irratti uumu olaanaa ta’uun isaa ni eerama. Damichi dabalataanis rakkoowwan hedduu yoo qabaates sana dandamatee kan guddataa jiruu fi kanaanis biyyattiin gara fuula duraatti ce’umsa gara induustirii olaanaatti taasistuuf shoora olaanaa akka qabu ibsama.
Bara oomishaa 2014tti Itoophiyaan gabaa huccuu irraa galii sharafa alaa doolaara miliyoona 200 fi miliyoona 23 akka argattuuf karoorfameera.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 3 2014 No 38



