መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiHariiroon Itiyoo Eertiraan dhaabbataan akka deeggaramuu fi itti fufiinsa Isaa irratti ...

Hariiroon Itiyoo Eertiraan dhaabbataan akka deeggaramuu fi itti fufiinsa Isaa irratti paarlaamaarraa gaaffiin irratti dhihaate

Dhaabbataan deeggaramuu Fi itti fufiinsa Hariiroo Eertiraafi Itoophiyaa irratti mana maree bakka bu’oota uummataatti koree dhaabbii dhimma Hariiroo alaa fi naneenyaaFi miseensota mana marichaa irraa gaaffiin irratti dhihaate.

Ministeerri dhimma alaa gabaasa raawwii hojii ji’oota sagalii bara 2014,Caamsaa 9 bara 2014 yeroo dhiheessetti Hariiroo Eertiraa fi Itoophiyaa yeroo ammaa irratti miseensota mana maree fi koree dhaabbii dhimma Hariiroo alaa fi nageenyaan gaaffileen dhihaataniirufi.

Hariiroo biyyoota lamaanii irratti  mana hojii ministeerichaaf,miseensa mana maree keessaa gaaffii kan dhiheessaan keessaa Kiristaan Taaddalee tokko yoo ta’an,gaaffii”Hariiroon Itoophiyaa fi  Eertiraa yoomi seera qabatee,dhaabbataan kandeeggarame kan ta’uu?” Jedhaniiru

Sababa gaaffii kana kaasaniif yeroo ibsan,” Ani gamaaggaman hanga ammatti qabuun Hariiroon biyyoota lamaanii fedhii nama dhuunfaa irratti kan rarra’e ta’ee waan natti mul’atuufi”jedhaniiru.

Miseensi mana marichaa itti dabaluun”Yoomi kan dhaabbataan kan eeggarame kan ta’u?”yoomi ifatti seeraan,mirga uummataa,faayidaa fi fedhii uummattota biyyoota lamaanii karaa kabajeen kan raawwatamu?yoomi hariiroo kun kabajamuun haalli itti manni marichaa raawwii isaa gamaaggamuu akkadanda’uuf karoora isaa ilaaluu kan danda’u?”yoo jedhaniis dhagahameera.

Gabaasa raawwii hojii ji’oota sagalii mana hojii isaanii  mana maree bakka bu’oota uummataatti koree dhaabbii dhimma hariiroo alaa fi  nageenyaaf kan dhiheessaan ministirri muummee itti aanaa fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin Hariiroo gara fuulduraa Itiyoo Eertiraa irratti ibsa kennaniiru.

Koree dhaabbii keessaa gaaffii kan gaafatan tokko “Hariiroo gaarii biyyoota lamaanii itti fufinsaan itti fufsiisuuf maaltu hojjetamaa jira?”kan jedhu yoo ta’u,gama Itoophiyatiin hariiricha cimsanii itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu,ministirri muummee itti aanaa Fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin eeraniiru.

Gaaffii Miseensota mana marichaa fi koreen dhaabbii irraa waa’ee Hariiroo biyyoota lamaanii irratti ka’eef deebii kan Kennan obbo Dammaqaa Mokonnin “Wanti guddaan lolaaf Wal eeggachuu sana keessaa bahuun gara balbala nageenyaa banutti dhufuun tarkaanfii guddaadha”kan jedhan yoo ta’u,haa ta’u malee balballi nageenyaa baname Kun hanga barbaadamu fi gama  tumsa nurraa eegamuunhanga barbaadamu taasifameera jedhanii fudhachuun hin danda’amu”jedhaniiru.

Biyyoonni lamaan dinagdee,hawaasummaa,buufata dooniifi walitti dhufeenya uummataan karoorri mataa isaanii baheefii qaamolee dhimmi ilaalatu waliin hojiileen jalqabaman jiraachuu kan eeran obbo Dammaqaa “Hojiilee eegalaman walitti qabuun akkuma biyyoota kamiiyyuu seera qabeessa akka ta’uu,gochuuf Hojiilee dandeessisan eegalaman cimsuun hojjechuu fi Hojiilee faayidaa  lamaan keenya kabachiisan qabannee imaluun qabna.”jechuun gaaffii isaaniif dhihaateef deebii kennaniiru.

Obbo Dammaqaa itti dabaluun “Naannoo kanatti wantootni waldhahan kanneen biroo dhimmootni ajandaawwan tartiibaan fidan jiru,isaanuma nuti beeknu.”kan jedhan yoo ta’u,haa ta’u malee “ Madaallii kaminuu garuu,dhaabbataan kan deeggaramee fi seera eegee qaamolee raawwachiisan guutatee seera guutee akka itti fufu gochuun barbaachisaadha.”jedhaniiru.

manni hojii ministeerichaa gabaasa mana marichaaf dhiheesseen hariirooEertiraa waliin jiru irratti ibsa kenneen”Hariiroon yeroo ammaa Eertiraa waliin jiru haala gaariirra jira” kan jedhan yoo ta’u,Hariiroo siyaasaa gara tumsa dinagdee cimaatti ceesisuun naannoo daangaa irratti misoomawwan bu’uura daldalaa fi imala namoota mijataa taasisan ijaaruu,itti fayyadama buufata doonii,walitti dhufeenya daldalaa,Gumuruukaa fi seerota tumsaa fayyadama immigireeshinii uummattota biyyoota lamaanii mijeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 13 2014 No 49

ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads
- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች