መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooHanqina argama odiitii dhaabbilee federaalaa fi itti gaafatamummaa isaanii

Hanqina argama odiitii dhaabbilee federaalaa fi itti gaafatamummaa isaanii

Itti fayyadama bajataa dhaabbilee federaalaa bajata mootummaatiin bulanuu hedduu ilaalchisee odiitarri muummichaa odiitii waggaa waggaadhaan taasifamu mana maree bakka bu’oota uummataaf ni dhiyeessa.

Gabaasni odiitii kun piroojeektonni mootummaadhaan bocaman bajata ramadameef sirnaan hojii irra oolchuu isaanii fig alma akeekameef milkaa’inaan raawwachuu isaanii beekuuf kan dandeessisu ta’uun isaa ni ka’a.  Ta’us gabaasonni taateewwan odiitii waggaa waggaan taasifaman akka mul’isanitti waggaa waggaadhaan maallaqni baay’een dhaabbilee kanaan qisaasa’ee akka hafuu dha.

Kan yeroo dhiyoo haa tursinuutii; fakkeenyaaf gara duubaatti deebinee waggaa 10 dura kan ta’e haa ilaallu. Ji’a Caamsaa bara 2002tti bu’ura gabaasa odiitii bara bajataa 2001tiin manneen hojii federaalaa qaawwaa olaanaan itti mul’ateera jedhamuun adda baafamanitti qisaasni maallaqaa olaanaan argamee ture.

Kanaanis danbii bulchiinsa faayinaansii lakkoofsa 17/1989 keewwata 38 fi 40n haala tumameen herregni sanadaa yeroo sanatti buufamuun isaa calalamee manneen hojii federaalaa 36 keessatti kuufamni herrega sanadaa birrii biliyoona tokkoo fi miliyoona 400 argameera. Kana keessaa gahee olaanaa kan qabatan immoo ministeera ittisa biyyaa; ministeera barnootaa akkasumas ministeera qonnaa fi misooma baadiyyaa turan.

Herreegni sanada kuufamaa kun waggaa 10 har’aa dura maallaqa daraan olaanaa kan ture yoo ta’u; hoji raawwachiiftuu manneen hojii irratti dhiibbaa uumuun sochii hojii kan dadhabsiisu ta’uu isaa caalaatti qisaasaa fi burjaajessuuf karra akka banu eerama. Rakkinichi kan uumamus dhaabbileen danbii fi qajeelfama faayinaansii hordofuun hojjechuu hafuu isaanii akka ta’e ibsama.

Gabaasonni odiitii bajata waggaa bara baraan dhiyaatan akka mul’isanutti keessumattuu yuunivarsiitiiwwan dhaabbilee jalqaba irratti burjaajjii fi qisaasni bajataa keessatti raawwatamuu dha. Dabalataanis waajjiraaleen damee ministeera galii jalatti bulan qabeenya uummataa olaanaa ta’e akka qisaasan karaa mana hojii odiitaraatiin ni ibsama.

Akka agarsiistuuttis yuunivarsiitiin saayinsii fi tekinooloojii Adaamaa gabaasno odiitii bara 2013 akka mul’isutti yuunivarsiitichi bajata isaa idilee fi kaappitaalaa keessaa ida’amaan birrii miliyoona 200 fi miliyoona 86 ol hojii irra hinoolchine.

Yuunivarsiitichi durgoo geejjibaa barsiisota barnootaaf gara biyyoota alaa adeemanuu addaan kutuu utuu utuu qabuu dhiisuu isaatiin; hojjettoota hojii gadhiisaniif seeraan ala miindaa kaffaluu fi sababoota adda addaa baay’eedhaan bassiwwan hinbarbaachifne baasuudhaan bajanni mootummaa kaayyoo akeekameef utuu hinoolin hafuun isaa ibsameera.

Yuunivarsiitiiwwan hedduunis akkasuma qisaasa qabeenyaa wal fakkaatu kan raawwatan yoo ta’u; baay’een isaanii immoo bu’uura hojmaata odiitichaatiin qaawwaa mul’atan irratti tarkaanfii akka hinfudhanne eerameera.

Ministeerri dhimma alaa bara bajataa 2013tti argamni gabaasa odiitii akka mul’isutti bara bajatichaatti bajati hayyamame birrii miliyoona 100 fi miliyoona 36 fi kuma 700 fi kuma 11 fi 682 yoo ta’u; ramaddii herregaatiin birriin miliyoona 100 fi miliyoona 45 fi kumni 900 fi kumni 29 fi 931 waan baasii taasifameef bajata ramadameen olitti birriin miliyoonni sagalii fi kumni 200 fi kumni 18 fi 249 bajata hinhayyamamneen kaffaltiin raawwatameera.

Mana hojichaatti faayinaansii muummeetiin bara bajatichaatti ramaddiiwwan herregaa adda addaatiin bajata idilee qoqqoodameen kan hojii irra hinoolin birriin miliyoona 100 fi miliyoona 28 fi kuma 400 fi kumni 88 fi 326 argameera.

Akkasumas embaasiiwwan biyyoota adda addaa jiran keessatti maallaqni miliyoona hedduudhan shallagamu hojmaata seeraatiin ala qisaasa’uu isaa gabaasichi ni mul’isa.

Torban darbe (Kibxata Waxabajjii 14 bara 2014) manni mare bakka bu’oota ummataa 6ffaan bara hojii tokkoffaa yaa’ii isaa idilee 15ffaa wayita taa’etti bajnni bara 2013 manni marichaa ragaase kaayyoo karoorfameef ooluu fi dhiisuu isaa hordofeera.

Kanaanis odiitiin manneen hojii federaalaa filataman keessatti taasifame akka mul’isetti; yuunivarsiitonni Gambeellaa fi Dabre Birhaan waliigalaan hir’inni birrii miliyoona tokkoo fi kuma 500 fi kuma 13 ol akka argame eerameera.

Yuunivarsiitiiwwan Hawaasaa, Miizaan-Teeppii fi Qabrii-Dahaar waliigalaan birrii miliyoona tokkoo fi kuma tokkoo ol qajeelfama kaffaltiitiin maallaqa murtaa’ee ol kaffalamee argamuu isaa manni hojii odiitara muummichaa hubachiiseera.

Herrega kuufamaa walitti qabamu ilaalchisees herrega sanadaa yeroon buusuun wayita calalamu; manneen hojii 133 fi waajjiraalee damee 26 keessatti birriin biliyoona 13 fi miliyoona 100 fi kuma 200 fi kuma 35 fi 836 ta’u fi manneen hojii afur keessatti kontiraakteroota hojii irraa kan barbaadamu maallaqni hinsassaabamin birriin miliyoona 10 fi kuma 100 fi kuma 83 ol bu’ura danbiitiin akka hinbuufamin ibsameera.

- ይከተሉን -Social Media

Dabalataanis manneen hojii jahaa fi waajjiraalee damee torba keessatti birriin miliyoona 100 fi miliyoona jahaa fi kuma 800 fi kuma 41 ol ragaan waan hindhiyaatiniif mirkaneessuun kan hindanda’amin herreegni sassaabamu jiraachuu gabaasi odiitiin eerameera.

Akkasumas manneen hojii galii walitti hinqabin gidduudhaa koomishiinii Gumurukaatti dameewwanQaallittii fi Dirre-Daawaa waliigalaan birrii miliyoona 200 fi miliyoona 60 fi kuma 900 fi kuma 95 ol; ministeera galiiwwaniitti kaffaltoota gibira giddugaleessaa damee Baahir Daar; Finfinnee-lixaatti waajjira damee kaffaltoota gibira gadaanaa fi hospitaalli ispeeshaalaayizdii TB Qiddus Pheexiroos waliigalaan birrii miliyoona 85 fi kuma 600 fi kuma 93 akka ta’e gabaasichaan eerameera.

Sababa raga guutuu hafuutiin sirrii ta’uu galichaa mirkaneessuun waan hindanda’aminiif sirrii ta’uu herrega galii walitti qabamee mirkaneessuuf wayita odiitii taasifamus akkasuma manneen hojii torbatti galiiwwan adda addaa irraa kan walitti qabame birrii miliyoona 100 fi miliyoona 54 fi kuma 400 fi kuma jahaa ol raga barbaachisaan waan hinguutaminiif sirrii ta’uu herreega galichaa mirkaneessuu akka hindanda’in manni hojii odiitarichaa beeksiseera.

Manni marichaa gabaasni odiitichaa qaamolee raawwachiiftuu hunda qaqqabuun sirreeffamni sirriin akka taasifamuu fi qaamoleen hinsirreessine seeraan akka gaafataman akkasumas tarkaanfiin bulchiinsaa akka fudhatamu akka taasifamu hubachiiseera. Hata’u malee aasaa kaameeraa fuua-duraa kana fakkaatu irra darbuun tarkaanfiin wayita fudhatamu hinmul’atu komiiwwan jedhan ni dhaga’amu. Argama odiitiitiin hooggantoonni manneen hojii raawwachiistuu hooggansa irraa ka’an ykn itti gaafatamaa ta’an turaniiru jechuuf nama hindandeessisu; yoo jiraatanillee ummataaf ifa ifa akka hintaane dubbatama.

Qaamoleen too’attootaa gabaasa odiitii odiitara muummichaa akka galteetti fayyadamuun haalli hojii isaanii itti raawwatan gadaanaa ta’uu manni hojii odiitara federaalaa wayita ibsu ni dhaga’ama.

Manni hojii odiitara muummichaas yoo ta’e hariiroo qaamolee qooda-fudhattootaa wajjin qabu cimsuun; walitti fufiinsaan argama odiitii irratti yaada “kan fudhatama dhabsiisu” yaadi jedhu hooggantoota itti dhiyaate hooggansa hojii mootummaatiif kan hingeessisne jechuun akka qabaman; kana irra darbees akka itti gaafatamaniif hojjechuu akka qabu ni amanama.

Mana barnootaa seeraa yuunivarsiitii Finfinneetti tumsaan piroofeeseeraa Simeeneeh Kiroos dhimmicha irratti turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin; dhaabbileen bajata ramadameef kaayyoo akeekameef oolchu kan jedhu tilmaamuun ala ragaa ifa ta’e wayita dhiyeessan hinhubataman yaada jedhu kaasan.

Ta’us dhaabbata odiitaraatiin hanqina fayyadama faayinaansii akka qaban ibsama. Sababa maaliitiin hir’ina keessa seenana kan jedhu garuu mana hojii odiitarichaatu ibsa jedhan.

- ይከተሉን -Social Media

Dhaabbileen hir’inni itti argame wayita mana murtiitti dhiyaatanus akka ragaatti kan itti dhiyaatu gabaasa argama odiitii kana ta’uu eeranii; gabaasonni odiitii mataan isaanii yeroo mara qaawwaatu keessatti mul’ata jedhaniiru.

Kanaafis manni hojii odiitaraa haala hojii dhaabbilee odiitii taasisuu hangam isaan hubata gaaffii jedhu kaasanii; dhaabbileen tokko tokko hojii adda addaa fi walxaxaa hojjetu; kanaaf odiitarichi haala dhaabbilee sanaa hubachuun hojii isaa hojjeta jedhanii akka hinamanne ibsaniiru.

Kanaanis manni hojii odiitarichaa ofuma isaatiifuu odiitii taasifamuu qaba erga jedhanii booda; yeroo tokko tokko baasiiwwan dhaabbilee kan murtaa’an ogeeyyii adda addaatiin waan ta’eef; wayita odiitii taasifamanu sanada baasii hinfuudhu; akkasumas hojmaata faayinaansii sirrii hinhordofne wayita jedhaman akka mul’atu himaniiru.

Manni hojii odiitarichaa sanadoota baasiin ittiin bahe hinfuudhu kan jedhu sababni baasii fi hojmaanni isaa ifa miti jechuu fi kanas maallaqichi akka qisaasa’etti lakkaa’uudhaan jechuun ibsaniiru.

Yeroodhaan kana gabaasa hindhiyeessine akkasumas hojmaata sirriidhaan ala dhaabbileen hojjetan akka jiran eeranii; gara caalu qabiinsa herregaatiin walqabatee hir’inatu mul’ata jedhaniiru. Itti dabaluunis qajeelfamoonni tokko tokko baay’ee cimaa waan ta’aniif maryatanii hiikuuf carraa akka hinkennine eeran.

Ogeeyyiin herrega hojjetan; hoogganaan dhaabbatichaa akkasumas qaamni odiitii hundi qaawwaa akka qaban eeruunis; hanga yoonaatti nama hir’ina odiitii isa irratti argameen itti gaafatame hinargine jedhaniiru. Hoogganaan kan gaafatamu kisaaraan siyaasaa yoo isa mudatee dha; kisaaraan siyaasaa wayita isaan mudatu odiitiin hojjetamee itti dhiyaata; yookaan hidhamaniitu isa booda odiitiin taasifamee hir’inatu irratti argame jedhama jechuun itti gaafatamummaan akka hinjirre ibsan.

Itti dabaluunis dhaabbileen itti gaafatamtoota ta’an jiraachuu ni danda’u erga jedhanii booda; kan jiru garuu itti gaafatamummaa siyaasaa waan ta’eef qaamni bal’eesse kan dhiyaatu mana murtiitti osoo hintaane kana sirreessi jechuun kan itti himu mana mareetti jechuun ibsan.

Hooggantoonnis akka sirreessanuuf carraan wayita kennamuuf sirreessanii dhiyaachuun utuu irra jiruu; yeroo itti aanuttis isuma irra-deebi’anii wayita dhiyaatan nama qaanessa; qaanii kana baatanii itti fufuunis irra hinturre jedhaniiru

- ይከተሉን -Social Media

Seerichi kan jedhu ifaa dha kan jedhan piroofeeseerri tumsaan kun; “qaamni itti gaafatamummaa qabu tokko itti gaafatamummaa isaa yoo hir’iseera ta’e hir’iseeraa dha; yakkaanis hariiroo hawaasaatiinis ni gaafatama. Garuu yeroo tokko tokko rakkoowwan sababa dandeettii fi gahumsa dhabuutiin uumaman waan jiranuuf rakkinicha hojiiwwan ijaarsa dandeettiitiin sirreessuun ni danda’ama” yaada jedhu dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen hir’ina qabiinsa faayinaansii odiitiidhaan isaan irratti argamu qisaasaa wajjin akka wal hinqabsiisne ibsanii; “hattoonni isaa kan leenji’anii fi hojmaata dhaabbatichaa kan beekan waan ta’aniif sanadaan deeggaraniitu hatu; kana waan ta’eef gara manneen hojii baay’ee wayita adeemnu akkuma arginu rakkoo hanqina dandeettii guddaatu jira. Kun kan sirratu yakkaan adabuudhaan qofa osoo hintaane leenjiiwwan ijaarsa dandeettii kennuudhaan; adeemsa hojmaataa skatta’uun, fooyyessuu fi too’achuun ta’uu danda’a” jechuun ibsaniiru.

Addis Maaledaan kanaan dura dhaabbilee hanqinni gabaasa argama odiitii itti dhiyaate hangam himati akka itti baname ministeera haqaa irraa baruuf deddeebitee yoo yaaltes utuu hinmilkaa’in hafeera.

Manni hojii odiitara muummichaas akkasuma gabaasa argama odiitii isaa irratti iftoomina jiru akkasumas dhaabbileen hir’inni keessatti mul’ate qaawwaa isaanii akka sirreeffatanuu fi itti gaafatamtootas akka ta’anuuf qaamolee dhimmichi isaan ilaaluu wajjin hangam hojjetaa akka jiru itti dabaluuf yaalamee utuu hindanda’amin hafeera.

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads
- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች