Magaalaa Finfinneetti ji’oota 11 darbanitti namoonni 23 gamoo irraa kufanii du’uun isaanii ibsame

0
972
S lice Products

Magaalaa Finfinneetti ji’oota 11 darbanitti namoonni 23 wayita hojii ijaarsaa hojjetaa turanitti gamoo irraa kufanii du’uu isaanii Abbaan Taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Abbaa Taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa magaalaa Finfinneetti daarikteerri daayirektoreetii hordoffii fi too’annaa ijaarsaa Mulugeetaa Ligdii Addis Maaledaatti akka ibsanitti; namoonni hojii ijaarsaatti hojjetaa guyyaa, ginbanyaa fi dameewwan hojii adda addaatti qacaramuun wayita hojjetanitti eegumsa nageenyaa sirriitti fayyadamuun hojjechuu dhabuu isaanii fi sababoota biraatiin gamoo irraa kufuun balaan du’aa fi miidhama qaamaa isaan mudata jedhaniiru.

Adoolessa 1 bara 2013 irraa jalqabee hanga odeeffannoon kun qindaa’etti ji’oota jiran 11 qofa keessatti namoonni 23 du’anii 50 ol kan ta’an immoo balaa qaamaa hamaa fi salphaatti saaxilamaniiru jedhameera. Daarikteerichi akka ibsanitti; abbaan taayitichaa hojiin ijaarsaa kamiyyuu wayita raawwatamutti boca yookaan kaartaa gamoo sanaa qabatanii erga dhufanii booda hayyama kennuudhaan gara hojiitti akka seenan taasisa jedhaniiru.

Hojiin ijaarsaa wayita raawwatamutti qorqorroo, sharaa fi meeshaalee biraatiin golgamuun haala nageenya hojjettootaa eegeen hojiin ijaarsaa raawwatamaa jiraachuu mirkaneessuuf ji’a tokko yookaan lama keessatti bu’ura seeraatiin hojjettoonni akka hojicha too’atanuuf abbaan taayitichaa remade ni jiru.

Hata’u malee dhaabbilee fi qaamoleen seericha cabsuun hojii isaanii raawwatan jiraachuu kan kaasan daarikteerichi; dhaabbileen ijaarsa seeraan alaa raawwatan; meeshaalee ijaarsaa bakka hinhayyamamne kan kaa’anii fi dhimmoota walqabataniin dhaabbilee fi qaamolee 100 ta;an irratti tarkaanfiin fudhatamuu dubbataniiru.

Waan qajeelfamichi gaafatu hunda hanga guutanutti adeemsa ijaarsichaa dhorkuu fi kan jedhame utuu hinraawwatin kan argaman immoo dhimmi isaanii seeraan akka ilaalamu tarkaanfiin dabarsuu fudhatamuu isaa hooggantichi ibsaniiru.

Daarikteerichi ittuma dabaluun; rakkinoota kanaan olitti ibsamaniif irra-caalaatti labsiin too’annaa ijaarsaa yoo jiraates; labsichi utuu hinhaaromin wggoota 10 ol lakkoofsisuu isaa fi seerri jirus kabajamuu hafuun uumamuu rakkinichaatiif sababa eeramuu dha jedhaniiru.

Abbaan taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara bajataa itti aanutti ji’oota jalqabaa irraa eegalee hojii too’annaa cimsuu fi itti gaafatamummaa guddisuuf hojii labsicha fooyyessee ni raawwata jedhameera.

Dabalataan;  wayita ijaarsi raawwatamu hojjettoonni hojichatti bobba’an uffata calaqqisaa, gonfoo mataa fi meeshaaleen nageenyaaf barbaachisan guutamuu fi hojiiwwan too’annaa kan biraa dabalatee hojmaata isaanii too’achuun karaa abbaa taayitichaa qofaadhaan kan danda’amu miti. Kanaaf qaamolee danbii kabachiisan wajjin hojjechuuf mariin waliigaltee irra geechisu ni taasifama jechuudhaan daarikteerichi ibsaniiru.

Abbaan taayitaa hayyamaa fi too’annaa ijaarsaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee dabalataanis hojjettoonni damee ijaarsaatti qacaramuun hojjetan eegumsi nageenya isaanii akka mirkanaa’uuf ministeera dhimma hojjetaa fi hawaasummaa wajjin akka hojjetu daarikteerichi eeraniiru.

Abbaan taayitichaa ji’oota 10 darbanitti ijaarsonni magaalattii keessatti ijaaraman kamiyyuu seeraan kan hayyamaman akka ta’anuuf pilaanii dursaa fi labsii gamoo bu’ura taasifachuun ijaartota kuma 29 fi 942f hayyama ijaarsaa kennuun isaa ibsameera.

Ji’oota kurnan bara bajatichaatti waliigalteen pilaanii kumni 10 fi 783; hayyamni jaarsaa haaraan kumni sadii fi 985; hayyama ijaarsaa fooyya’e 968; gamoowwan duraan ijaaraman 174f hayyama ijaarsaa; gamoowwan kuma tokkoo fi 27f hayyama dheeressuu; ijaarsota kuma 11 fi 418f hayyama haaromsaa kennuun isaas himameera.

 


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 18 2014 No 54

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here