Tulluu Taaboor irratti piroojeektiin Faaroo Pilaazaa jedhamu birrii miliyoona 200n hojjetamaa jiraachuun ibsame.

0
1145

Mallattoo addaa magaalaa Hawaasaa kan ta’e tulluu Taaboor misoomsuuf  piroojeektiin Faaroo Pilaazaa jedhamu birrii miliyoona 200n hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Piroojeektiin ijaarsaa Faaroo Pilaazaa jedhamuu fi tulluu Taaboor irratti hojjetamu kan jalqabame yoo ta’u; piroojeektichi ummanni Sidaamaa maddii fi maddii wal dhungachuun kan ittiin sirbu dhiichisa Faarootiin kan moggaafame ta’uun dhaga’ameera. Ijaarsi pilaazichaa yeroo ammaatti adeemsa tabba muruu fi qotuu irratti akka argamu hoogganaan piroojeektichaa Tsaggaayee Takiluu Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Kunis seenaa sirna gamoo biyya keessaa lafa qabachiisuuf tattaaffii taasifamu keessaa qaama tokko ta’uu kan himan hooggantichi; piroojeektichi bajata baankii adunyaa irraa argameen abbummaa bulchiinsa magaalaa Hawaasaatiin akka hojjetamu ibsaniiru.

Yaad-rimeen dhiichisi Faaroo uummata Sidaamaa wal dhungannaa gugeen jaalala waliif ibsitu irraa kan dhufe waan ta’eef; piroojeektichi kana kan calaqqisiisu boca gugee akka qabu hooggantichi dubbataniiru.

Akkasumas tiyatira aanfii akka qabaatu kan eeran hooggantichi; qabiyyeewwan ibsa aadaa uummata Sidaamaa kan qabuu fi Itoophiyaa keessatti gulantaawwan tulluu irratti ijaaraman irraa adda kan ta’e gulantaa guca diyameendii ni qabaata jedhan.

Diizaayiniin pilaazaa Faaroo kan duraan yaadame diigamuun lafaa akka hojjetame ibsanii; namni gara tullichaatti salphaatti akka bahuuf gulantaawwan taasisan keessaa misoomani bu’uraalee dabalataan akka guutamanuuf eeranii; fakkeenyaafis galmoota aadaa, bakka bashannana daa’immanii, paarkii bishaanii fi bakka dubbisaa akka qabaatu hubachiisan.

Piroojeektichi abbummaa mootummaatiin waan ijaaramuuf rakkoo iddoo akka hinqabne kaasanii; gara fuula duraa yeroo ijaarsaatti diizaayiniin fooyya’aa adeemu tullicha giddugaleessa godhachuun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Piroojeektiin kun wantoonni haaluma karoorfamaniin kan adeeman yoo ta’e yeroo ji’a ja’aa hanga waggaa tokkoo gidduutti ni xumurama jedhameera.

Tulluun Taaboor gama hundaan magaalattii kan daawachiisu waan ta’eef misoomuun tulluu kanaa yaa’a tuurizimiitiif shoora olaanaa qaba kan jedhame yoo ta’u; piroojeektichi aadaa, seenaa fi dudhaa uummata Sidaamaa beeksisuu irra darbee carraa hojiihedduu akka uumu ibsameera.

Haroo jaalalaa magaalattiitti argamu kan bu’ureeffatee fi hojiin diizaayinii isaa dhibbeentaan torbaatamni kan raawwatame; waggaa dhufu ji’a Fulbaanaatti ifa kan taasifamu kan biraa piroojeektiin qarqara haroo akka jiraatu himameera.

Dhiyeenya kanas bakka seensa magaalattii Bishaan Gurraacha jedhamuun beekamutti waggaa tokko keessatti ni xumurama kan jedhamee fi birrii miliyoona 100 akka fixu kan himameef piroojeektiin ulaa seensa magaalaa Hawaasaa ijaarsi isaa akka jalqabame ibsamuun isaa ni yaadatama.

Piroojeektonni kun wayita xumuraman bifa magaalattii fooyyessuun caalaatti magaalaa tuurizimii akka taatu abdatameera.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 25 2014 No 55

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here