Naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa aanaa Darraatti kan argaman gandoota afur keessatti namoonni nagaan baay’inni isaanii sirriitti hinbeekamin hidhattoota ABO Shaneetiin lubbuun isaanii akka darbe jiraattonni Addis Maaledaatti ibsan.
Aanaa Darraatti qaaxxee irra-deebiin banameen Waxabajjii 19 bara 2014 jalqabee meeshaa waraanaa gurguddaadhaan raafamaa jirti kan jedhan jiraattonni naannoo sanaa; aanicha jalatti kan argaman gandoota Baabbuu Dirree; Amuumaa Gindee (Raachoo); Gabaa Roobii akkasumas Ginda Barbarree jedhaman keessaa jiraattonni ajjeefamaa jiraachuu himaniiru.
Dhukaasichaan hidhattoonni ABO Shanee 33 ol ajjeefamaniiru kan jedhan jiraattonni; gama aantotaatiin hidhattoonni lama du’uu isaanii Addis Maaledaan dhageesseetti.
Jiraattonni hanga gabaasni kun qindaa’etti dhukaasni jiraachuu kan eeran yoo ta’u; kana hordofees baay’inni namoota du’anii sirriitti hinbeekamne jedhaniiru. Hanga gabaasni kun qindaa’etti garuu namoonni nagaan lama du’uu isaanii Addis Maaledaatti himaniiru.
Gandoota kana arfanitti karaa afuriin dhukaasa banameen wayita gabaasni kun qophaa’aa turetti sagaleen meeshaa waraanaa gurguddaa akka dhaga’amu Addis Maaledaatti madden ishee himaniiru.
Gama biraatiin; imaltoonni Gunda Masqal Darraa irraa gara Finfinneetti adeemaa turan 260 ta’an garee hidhataa sanaan Salaalaa jedhamee bakka waamamutti butamanii kan turan yoo ta’u; isaan keessaa saddeet bakki jiran akka hinbeekamne jiraattonni beeksisaniiru.
Gareen hidhataa kun butamtoota saddeet kan hambise yoo ta’u; kan hafan maallaqa kaffalchiisee gadhiisuu isaa madden Addis Maaledaa himaniiru. Imaltoota ABO Shaneen butee wayita isaan fudhate tokko tokkoon imaltootaa birrii kuma tokkoo fi 500 ol kaffalchiisan jedhameera.
Raayyaan ittisa biyyaa erga waraanichi jalqabamee guyyoota afur booda seene kan jedhan jiraattonni; utuu dursee galeera ta’ee gareen hidhataa kun carraa gara jiraattotaatti seenuu hinargatu ture jedhaniiru.
Waraanichaan keessumattuu dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota irra hubaatiin ga’eera kan jedhame yoo ta’u; beelladni jiraattota naannoo sanaa hidhattootaan saamamaniiru jechuunis jiraattonni Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Akka jiraattonni ibsan yoo ta’e; gareen hidhataa kun jiraattota naannoo sanaa irraan hubaatii wayita qaqqabsiisu inni kun yeroo arfaffaf yoo ta’u; waraanni tibbana jiru kan hammaateef dursaa garee hidhataa ABO Shanee kan ture jaal Galataa Nugusee milisoota naannoo sanaatiin ajjeefamuu isaa hordofeetu.
Karaa aanaa Abooteetiin daandiin jiru ji’oota saddeet walitti aananuuf cufamee turuukan yaadatan jiraattonni; karaa Salaaleetiin goranii gara naannoo Amaaraatti bahuun hindanda’amu ture jedhan.
Yeroo ammaa raayyaan ittisa biyyaa gara Darraatti qajeeluu isaa hordofee gareen hidhataa jiraattota naannoo sanaa miidhu humni isaa hir’achaa jira jedhameera. Gareen hidhataa kun gara laga Jamaatti siquun isaa kan eerame yoo ta’u; ganna hordofee bishaanichi guutuu isaatiin hidhattoonni ABO Shanee baay’inni isaanii hinbeekamne lolaadhaan fudhatamuun isaanii taatee humna garichaa dadhabsiise isa biraa ti jedhan jiraattonni.
Gama biraatiin; godina Wallaggaa bahaa aanaa Gimbii ganda Toleetti Waxabajjii 11 bara 2014 gooltummaan kan itti murtaa’e fi garee biliisummaa ummata Oromoo jechuun of waamuun namoonni miseensonni maatii isaanii hanga 32 ta’an jalaa du’an of wallaalanii maraataa jiraachuun dhaga’ameera.
Namoonni maatiin isaanii jalaa ajjeefaman of wallaalanii funyoon hidhamanii yoo taa’anis; gargaarsa wallaansaa argachuu hindandeenye jedhameera.
Bulchaan aanaa Darraa Wuubsheet Abarraa waa’ee dhukaas achi jiruu deebii kennuuf haalli keessa jiran akka hinmijanne eeranii; beellama kennaniiru.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 25 2014 No 55



