Naannoon godinaalee Hadiyyaa, Silxee, Guraagee, Halaabaa, Kambaataa fi Yam jedhamanii fi aanaa addaa tokko of keessaa qabu akka hundaa’uu fi magaalaan isaa guddoon Hoosaa’inaa akka ta’u mootummaan kallattii kaa’uu isaa Addis Maaledaan madden ishee irraa mirkaneeffatteetti.
Akka ogeessaatti dhimmicha dhiyeenyatti hordofa kan jedhanii fi mana murtii federaalaa kamittuu abukaatoo fi gorsaan Jambar Abdoo; kan kanaan olitti eeraman keessaa Hadiyyaa, Silxee fi Guraageen keessumattuu dursanii naannoo ta’uuf manneen mare godinaalee isaaniitiin murteessanii akka turan kaasanii; mootummaan federaalaa garuu kun akka hinraawwatamne murtee siyaasaa murteessaa jira jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Mootummaan kilaasteeraan walii wajjin ta’a malee naannoo ta’uu hinhayyamu jedheera erga jedhanii booda; heerri mootummaa garuu ulaagaaleen keewwata 46 fi 47 irra jiran guutamnaan naannoo ta’uun akka danda’amu ni ka’a jedhan.
Kana hordofees mootummaan hoogganoota ummata Guraagee sadarkaawwan itti gaafatamummaa adda addaa irra jiran hojii sossobuu hojjetaa akka jiruu fi manni maree godina Hadiyyaas murtee naannoo hataanuu dursee murteesse akka haquu fi murtee mootummaa akka mirkaneessuRoobii Waxabajjii 29 bara 2014 walga’ii taa’uu isaa eeraniiru.
Ta’us uummanni Hadiyyaa gama isaatiin naannoo kilaasteraan hundeeffamuuf teessoon isaa godina Hadiyyaa keessa ta’uu yoo danda’e waliigalla ejjennoo jedhu akka qabuJambar eeran. Godinni Silxees godina Guraageetiif yoo hayyamame nuufis haa hayyamamu ejjennoo jedhu akka qabu utuu hindubbatin hindabarre.
Itti dabaluunis; manni maree godina Guraagees bara 2011 ji’a Sadaasaa keessa sagalee harka sadii keessaa harka lamaan raggaasee mana maree naannootiif kan erge yoo ta’es; hanga ammaatti utuu deebii hinargatin turee mootummaan kilaateraan mootummaa waliinii hundeessaa jechuu isaa ummanni akka hinfudhatin dubbataniiru.
Yeroo kanatti magaalaa guddoon saboota, sab-lammootaa fi uummattoota kibbaa Hawaasaa ta’uu eeranii; hata’u malee naannoon Sidaamaa naaf gadhiisaa jechuu isaatiin Waxabajjii 3 bara 2014 ni gadhiifama jedhamee ture. Hata’utii ministirri muummee deemuun qaamolee dhimmichi ilaalu aasofsiisuun; furmaata osoo hinkennin; magaalaa guddoon naannoo hafee eessa akka ta’e utuu hinmurteessin; hawaasas kilaasteraan akka gurmaa’u utuu hinhayyamsiisinii fi hinmirkaneessin amma gadhiisuu hindandeenyu; nuuf obsaa akka jedhaniin ibsaniiru.
Kana waan ta’eef ejjennoon ummata Guraagee “waggoota 27f Hawaasaa misoomsinee gurmaa’insi haaraan wayita uumamu; seera idil-adunyaatiin qabeenya qooddachuun kan beekame yoo ta’es; kun utuu hinyaadamin bahaa jedhamne. Ammas Hoosaa’inaa misoomsinee bahaa jedhamuuf. Kana waan ta’eef ejjennoon uummataa kana booda godina keenya misoomsina; Guraageen ofii isaatiif naannoo ta’uu qabaa kan jedhu akka ta’e mul’isaniiru.
Kun akka hintaanes yuunivarsiitii Walqixxee waliin ta’uun; adeemsa qoratamee fi adeemsa seeraa hordofeen qabsa’aa jirra jedhaniiru.
Addis Maaledaan akkasuma odeeffannoo argatteen; kanaan olitti kan eeraman saboota Hadiyyaa, Silxee, Guraagee, Alaabaa, Kambaataa fi Yam maqaa “Shawaa” jedhuun naannoo tokko ta’uu akka danda’an eerameera.
Gama mootummaatiin waa’ee saboota hafanii (Waayittaa, Gaamoo fi kan biraa) kallattiin akkamii akka kaa’ame hanga yoonaatti odeeffannoo bahe argachuun hindanda’amne.


