Ijoolleen loltootaa biliisaan akka baratan hayyamameef “birrii yoo kaffaltan malee firiin isiniif hinkennamu” jedhamuu isaanii himan

0
1072

Ijoolleen maatiin isaanii adda waraanaa jiranuu fi manneen barnootaa dhuunfaatti baratan barnoota isaanii kaffaltii malee akka baratan xalayaan deeggarsaa barreeffameefii waggaa kana barataa turanus; erga qorumsa qoramanii booda “birrii kaffaltan malee firiin isiniif hinkennamu” jedhamuun komii akka isaaniitti uume maatiin isaanii Addis Maaledaatti ibsan.

Ijoolleen isaanii kutaa magaalaa Kolfee-Qaraaniyoo ganda 05tti kan argamu mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa Aqaaqii Qaale Hiwoot baratan; manni barumsichaa xalayaa deeggarsaa fuuchuun erga barsiisaa turee booda barattootaaf firii kennuu dideera jedhaniiru.

Maqaa isaanii ibsuu kan hinbarbaanne haati barataa tokko; birrii hinkaffalle jedhamanii mucaan isaanii mana barumsichaatii ari’amuu ishee Addis Maaledaatti beeksisaniiru. Ijoollee isaanii lama mana barumsichaatti akka barsiisan kan eeran haati kun; abbaan manaa isaanii adda waraanaa jiraachuu isaanii hordofee xalayaan deeggarsaa dhiyeessaniin mucaa isaanii tokko biliisaan akka barsiisan waadaan yoo galameefis; dhuma irratti garuu firiin barattuu dhorkameera.

“Abbaan warraa koo duula irra waan jiruuf ijoollee koo lama kaffaltiidhaan barsiisuu hindandeenye” kan jedhan komee dhiyeeffattuun kun; daa’imni isaanii “K.G lammaffaa” geesse jalqaba kaffaltii yoo raawwatte malee qorumsa hinqoramtu jedhamtee akka turte yaadachiisaniiru. Garuu dhimmicha kutaa magaalaatti beeksisanii mucaa isaanii tokkoof akka kaffalanuu fi mucaa isaanii lammaffaaf akka hinkaffalle waliigaltee irra gahamee ijoolleen isaanii barnoota hordofaa turaniiru.

Ijoollee abbaan isaanii adda waraanaa jiru kana lamaaniif kaffaltii barnootaa kanin kaffalu yoo ta’e waggaatti birrii kuma 24 fi 400 na barbaachisa kan jedhan haati kun; ilaalchi hintaasifamuuf taanaan ijoollee isaanii barsiisuuf humna akka hinarganne Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Komattuun kun; waadaa isaa haaluun daa’imman barattoota biraa irraa adda baasuun firii hinfudhattu jechuun mana barumsaa barattoota gahoomsuuf ka’e irraa hineegamu jechuun qeeqaniiru. Mucaan isaanii barattuun kun jalqaba biliisaan akka barattuuf ture xalayaan kan barreeffameef. Garuu manni barumsichaa waadaa isaa haquu isaatiin haati mucattii kan danda’an kaffalanii birriin waan jalaa hir’ateef firii dhowwtamte. Barattuun firiin siif hinkennamu jedhamte kan hinkaffalaminiif kaffaltii ji’oota sadii yoo ta’u; kunis birrii kuma sadii fi 60 ture.

Hata’u malee manni barumsichaa kanuma illee ilaalcha gochuu irra haala xiinsammuu daa’ima kanaa tuquun utuu firii hinkenniniif; haadha ishee wajjin mooraa keessaa akka bahan taasiseera jedhame.

Daa’imattiin akka hiryoota ishee utuu firiin hinkennaminiif yoo hafu miira gadheen waan itti dhaga’ameef dhuma irratti maatiin ishee biraa kaffalticha raawwataniifii firiin akka kennameef haati ishee Addis Maaledaatti himaniiru.

Adda waraanaatti kan argaman abbaan barattuttii gama isaaniitiin; adda waraanaatti akka argaman beeksisanii; “manni barumsichaa raayyaa ittisa biyyaa irraa deeggarsa fudhachuun mucaa koo barsiisaa ture; jalqaba xalayaa raayyaa ittisa biyyaa irraa dhufe hinfuunu jechuu utuu danda’anuu; amma erga qoramanii booda firii hinkennu jechuun qaanii dha. Kaffaltii waggaa eessaa fideen kaffala; an dawoo keessan diinaa wajjin ija walitti baasaa jira; daa’ima rifachiisuun gaarii miti jedhaniiru.

Abbaan barattuttii nama loltuu ta’eef kaffaltiin kaffalamu xiqqaa akka ta’e eeranii; mucaan isaanii yeroo ammaatti gargaarsa firaatiin kaffaltiin xumuramee yoo kennameefis kan itti aanuuf itti yaadamuu qaba jedhan.

Dhimmicha ilaalchisuun Addis Maaledaan kan aasofsiiste hooganaan mana barumsaa Aqaaqii Qaale Hiwoot sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa Zawudee Akkelee; xalayicha fuudhanus kaffalticha yoo hinkaffalin firii barattuu akka hinkennine dubbataniiru.

Barattoonni abbootiin isaanii adda waraanaa jiran yoo ta’anis daangaa yeroo itti kaffalan kennu malee; barattoonni yoo kaffalticha hinraawwatin firii akka hinkenninee dha kan ibsame. Hoogganaan mana barumsichaa xalayaa deeggarsaa maatiin barataa dhiyeessan fuuchuu isaanii yoo amananis; utuu birriin hinkaffalamin firii kennuun garuu “sirrummaa hinqabu” jedhaniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here