Godina Waaghimraatti namoonni kuma 74 ganna kana dawoon ala ta’uun isaanii ibsame

0
1036

buqqaatota kuma 90 godina Waaghimraatti argaman gidduudhaan dawoo keessa kan jiran nuusa kan hinguunne qofa ta’uu qajeelchi ittisa balaa fi wabii nyaataa bulchiinsa godinichaa ibse.

Hanqinni nyaataa fi dawoo uumamuu isaatiin buqqaatonni kuma 74 ta’an wayita gannaa kanatti dawon ala ta’uu isaanii hoogganaan qajeelcha ittisa balaa fi wabii nyaataa bulchiinsa saba Waaghimraa Salamoon Nigus Addis Maaledaatti himaniiru.

Hooggantichi godina Waaghimraatti buqqaatonni kuma 90 akka argaman kan eeran yoo ta’u; dawoo keessa kan jiran buqqaatota hunda keessaa nuusa kan hinguunnee dha. Buqqaatota kuma 90 keessaa buufata dawoo keessa kan jiran namoota kuma 16 qofaa dha jedhan Salamoon.

Baay’inni buqqaatotaa kan jiraattotaa caaleera kan jedhan hooggantichi; aanaa Ziqu’aalaa keessatti baay’inni jiraattotaa kuma 51 ta’uu eeranii; buqqaatonni kumni 66 garuu aanaa kana keessatti argamu jedhaniiru. Kan hafan aanaa Tsaagbijii fi bakka biraa akka jiran ibsameera.

Buqqaatonni kun naannoo Oromiyaa (Wallaggaa); naannoo Biiniishaangul Gumuz; naannoo Tigiraay aanaalee adda addaa keessaa akkasumas Abargallee, Zaataa, Korom, Wafilaa, Allaamaaxaa, Ziqu’aalaa fi bakkeewwan adda addaa keessaa mana mare bakka bu’uuta uummataatiin gooltota ta’uun isaanii kan itti mirkanaa’e gareewwan TPLF fi Shaneedhaan hubaatii isaan irra ga’uun mana isaanii dhiisanii kan deeman ta’uu Salamoon ibsaniiru.

Ittisni balaa fi wabii nyaataa naannichaa deeggarsa taasisaa yoo jiraates; gahaa akka hintaanee fi keessumattuu hanqinni nyaataa fi dawoo buqqaatota irratti qormaata hhammaataa ta’uu isaa hoogganaan kun dubbataniiru.

Dursi gargaarsichaa daa’imman haatii fi abbaan irraa du’aniif; haadholii harma hoosisaniif; dubartoota ulfaatiif; maanguddootaaf; sababa dhukkuboota adda addaatiin namoota qoricha fudhatanuu fi miidhamtoota qaamaatiif yoo ta’es waliin gahuun akka hindanda’amne hooggantichi eeraniiru.

Buqqaatota gidduu haadholii hoosisan kuma torbaa fi 165; ulfa kuma lamaa fi 821; dhiira kuma lamaa fi 375 fi dubartoota kuma tokkoo fi 715 waliigalaan maanguddoota kuma afurii fi 90; dhiirota 829; dubartoota 576; waliigalaan miidhamtoota qaamaa kuma tokkoo fi 405; dhiira kuma tokkoo fi 213 fi dubartoota 870; waliigalaan daa’imman maatii tokko dhaban kuma lamaa fi 83; dhiira 284 fi dubartii 214; waliigalaan daa’imman 498; daa’imman maatii irraa addaan bahan dhiira 705 fi dubara 610 ida’ama kuma tokkoo fi 315; akkasumas namoota dhibee yeroo dheeraa qaban dhiira 150 fi dubara 124 ida’ama 274 ta’uu Salamoon tarreessaniiru.

Kuma 16 ala kan jiran namoonni kumni 74 sababa hanqinaatiin buufata dawootiin ala jiraachuuf dirqaman keessaa muraasni roobaan reebamaa mana jala kan bulan; muraasni firatti hirkatanii kan jiran; akkasumas kan hafan immoo mana kireeffatanii kan jiraataniidha jedhameera.

Waqtichi ganna ta’uu kan kaasan hooggantichi; yeroo gannaa immoo manaan la utuu hintaane mana keessa taa’aniis haalichi akka hinmijanne ni beekama jedhanii; gargaarsi dhibbeentaan torbaatamni ittisa balaa fi wabii nyaataa naannichaatiin yoo uwwifames ammas hanqinni waan hammaateef namni hundi deeggarsa baratame utuu hindhorkatin akka tumsu ergaa dabarsaniiru.

Gama biraatiin aanaa Ziqu’aalaa naannaawaa Qedaamiititti TPLF tibbana qaaxxee aggaamuun tumsa milishootaatiin gara duubaatti akka deebi’ee fi godinicha keessatti kan argaman aanaaleen Tsaagbij; Axiqaat; Salaamgee; Dinqaay; Ciraa; Diqquu kan jedhaman akkasumas aanaan Abargallee guutummaan too’annaa garee hidhataa kanaa jala jiraachuu fi yaaddoo keessa waan ta’aniif hojii qonnaa hojjechuu akka hindandeenye jiraattonni ibsaniiru.

Addis Maaledaan kanaan dura maxxansa ishee dubbisiifteen; godina Waaghimiraa aanaalee adda addaa keessatti ongee fi waraana tureen qonnaan utuu hinqotamin hafuu hordofee beelli uumamee akka ture gabaasuun ishee ni yaadatama.


አዲስ ማለዳ Adoolessa 9 2014 No 57

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here