Yuunivarsiitii Walqixxeetti digiriin birrii kuma 20n gurguramaa jiraachuun himame

0
447
  • Kooleejota sadiittis hojii walfakkaatutti kan bobba’an jiraachuun dhaga’ameera.

Yuunivarsiitii Walqixxeetti digiriin tokko birrii kuma 20tti gurguramaa jiraachuu Addis Maaledaan hordoffii gara ji’oota lamaatiif taasisteen mirkaneessiteetti.

Hojii qulqulleessuu kanaan beekuun kan danda’ame; yuunivarsiitichi tajaajila barnootaa osoo hinkennin namoota bitachuu barbaadan barattoota idilee fakkeessuun birrii kuma 20 kaffalchiisuun digirii sobaa gurguraa jiraachuu isaa ti.

Addis Maaledaan ji’oota lama dura namoonni digirii yuunivarsiitichaa bitatan wayita odeeffannoo wal jijjiiran kan dhageessee turte yoo ta’u; wayita sanaa eegaluun adeemsa dhimmicha qulqulleeffachuu irraa turteetti. Kana waan ta’eef; qulqulleeffannaa namoota digiricha bitatan irraa taasifameen qaamoleen yuunivarsiitichaa adeemsa icitiitiin digirii gurguraa jiraachuun isaanii beekameera.

Odeeffannichi kan argame odeeffannoo afaan namoota yuunivarsiitii Walqixxeetti qaamaan argamuun utuu hinbaratin; garuu sagantaa barnoota idileetiin akka baratan taasifamuun digirii bitatan irraati.

Namoonni odeeffannoo kennan adeemsa digiricha bitachuuf jiru gaafatamanii “adeemsa omaa hinqabu; maqaa guutuu, suuraa fi birricha erguu qofa” jechuun dhugaa bahaniiru. Hojjettoonni dhaabbanni barnoota olaanaa kanaa digirii tokko gurguruuf kan gaafatan birrii kuma 20 ta’uu himaniiru. Kan odeeffannicha kennan digirii sobaa bituudhaan dhaabbilee adda addaa keessatti kan hojii qabatanis of keessaa qaba.

Kanaaf; imaammanni barnoota haaraa utuu hinragga’in dura waggaa sadiif; erga ragga’ee booda waggoota afuriif barachuu fi qu’annoo gadi-fagoo kan gaafatu keessumattuu digiriin maanaajimentii guyyoota keessatti gurguramaa jiraachuu namoonni ijaan argan ibsaniiru.

Ragaan tokko digirichi guyyoota meeqa keessatti qaqqaba jedhamanii wayita gaafataman “guyyoota lama keessatti” jechuudhaan dhugaa jiru saaxilaniiru. Namoonni baay’inni isaanii 50 ni gaha jedhaman yuunivarsiitichatti ji’oota lama qofa keessatti digirii utuu hinbitatin akka hinhafne eerameera.

Digiricha argachuun kan danda’amu karaa lamaani. Kunis tokkoffaa yuunivarsiitichatti qaamaan argamuudhaan; yookaanis namaan erguudhaan akka ta’e ibsameera. Abbaan taayitaa barnoota leenjii “seera cabsuu jechuun” irra deddeebi’uun kan ibsu gochaan digirii gurguruu fi bituu yuunivarsiitii Walqixxeetti kan adeemsifamu hojmaata icitiitiin ta’ee; nama namaan (wal beekumsaan) akka ta’e ibsameera.

Yuunivarsiitichatti damee hojii kanaatiin namni gurmaa’e ni jira kan jedhame yoo ta’u; namoonni dursanii digirii bitanis kan barbaadan kan biraatiin wal-barsiisuuf ga’ee olaanaa ni qabu jedhameera.

Gama biraatiin; dhaabbileen barnoota olaanaa dhuunfaa sadiis (kooleejota) hojii wal-fakkaatutti bobba’uu isaanii Addis Maaledaan dhageesseetti.

Sadan isaanii keessaa tokko kooleejii Inkoodoo ti. Magaalaa Waldiyaatti kan argamu maddi odeeffannoo maqaan kiyya ibsamuu irraa haturu jedhe tokko gidduu kana digirii bitachuuf hojjettoota kooleejichaa dubbisuu isaa ibsee “digirii tokkoof birrii kuma 22 gaafatamne” jechuun ragummaa isaa kenneera.

Addis Maaledaan kan digirii bitattu fakkaachuun haalicha kooleejicha irraa mirkaneeffachuuf yoo yaaltes; qaamaan argamuudhaan malee akkasumaan mirkaneeffachuun akka hindanda’amne hubatteetti. Maddi odeeffannichaa gama isaatiinqaamaan wal-arguun erga  waliigalanii booda malee bilbilaan hinkennan; kun waan icitii ti” jedhaniiru.

Itti dabaluunis; hojjettoonni Biluu Maarkii fi Riiftii Vaaliis digirii gurguraa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Fakkeenyaafis waggaa tokko dura kooleejii Biluu Maarki irraa birrii kuma 12n digirii maanaajimentii akka bitan namni dhuunfaa tokko hindhoksine. Kooleejota Riiftii Vaalii; Inkoodoo; akkasumas Biluu Maarki irraa namoonni digirii bitatan akka beekanis dubbataniiru.

Abbaan taayitaa barnootaa fi leenjii bara bajataa 2014tti kooleejota 222 sarbama seeraa raawwataniiru ittiin jedhe barattoota isaanii akka bittinneessan murtee dabarsuun isaa Hagayya 20 bara 2014tti ibsuun isaa ni yaadatama.

Kooleejiin Arbaa Minci gama isaatiin; ragaaleen barnoota sobaa 100 maqaa isaatiin akka bahan ji’oota dura ibsuun isaa ni yaadatama.

Hooggantoota dhaabbilee hojjettoonni isaanii digirii ni gurguru jedhamanii argachuuf Addis Maaledaan yaalii yoo taasistes; hanga oduun qindaa’etti utuu hinmilkaa’in hafeera.

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here